Rakkoo Nageenyaa isaan mudatuuf gara Qaama Olaanaa Finfinneetti iyyatan illee deebii dhabanii ajjeechaan hiree taateef.
Hagayya 29/2025 ykn 23/12/2017
G/H/G/Wallaggaa Aanaa Abee Dongoroo Ganda Hoomaa Gaalessaa namootni lubbuun isaanii darbe kan maqaa arganne.
Uummanni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Wallaggaa Bahaa bakkoota buufata Faannoo tahan nama bakka buufachuun Biiroo Nageenyaa OROMIYAATTI Si’a 7 Ol deddeebi’anii Iyyatan illee qaama isaan dubbisu ykn rakkkoo isaanii dhagahu dhibuun wareegamni kun kaffalame.
Tibba ajjeechaan jumulaa guyyaa lama dura raawwatames namootni haala Naannoo sana jiru qaama olaanoo Oromiyaaf himuu deeman Osoo gara dhufanitti hin deebi’iin ajjeechaan jumulaa Faannoon gaggeeffame ganama tokkotti namoota 28 barii lafaa tokkotti rashanan😭
Daa’immaniifi Dubartii Jaarsoliillee hin jenne #በጅልማ#ጭፍጨፊ raawwatan.
G
Maqaa Namoota Ajjeefamanii
1- Aadde Nafiisaa Aliyyee
2- Aadde Hayaati
3- She Bashiir
4- She Abdulkadir Mucaa isaa waliin
5- Obbo Abdurazzaaq daa’ima isaa wajjin
6- Daa’ima Abdurazzaaq
7- Obbo Maammad-jamaal Aammad
8- Obbo Jamaal Faaraa
9- Obb Abraahim Hassan
10- Obbo Hassan Bakhar
11- Obbo Aliyyii Taashabaa
12- Obbo Aammadduu
13- Obbo Juwaar
14- Obbo Abdusalaam Aadam
15- Obbo Miidheksaa
16- Obbo Najjaash
17- Obbo Amansiisaa
18- Obbo Abraahim Beetaa
19- Obbo Aamad Yuusuf
20-Obbo Aliyyii Aammad
Namootni lubbuun hafanii hospital Naqamtee deemanis Kan Shaambuu Inni Kaan Hospitaala Dongoroo jiranis haalli keessa jiran yaaddessaadha.
Ajjeechaa jumulaa kanaaf qaamni Biyya bulchu mootummaan Naannoo Oromiyaa fi federaalaa waan jedhan hin qaban.