Caasaan ABO biyya Alaa kora waliinii ABO fi KFOn Finfinneetti gaggeessan deeggaruun kora seena qabeessa jedhan

Ibsa Ejjennoo Caasaa ABO Biyya Alaa

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) – Caasaa Biyya Alaa
Ibsa Deggersaa Kora Waaliinii (Joint Conference) ABO fi KFOn qindeeffame fi murtiilee fudhataman ilallata

Jaarmiyaan ABO Caasaa biyya alaa waggoota soddomaa oliif sochi Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuf lafee dugdaa ta’uun daddaaqaminsa isa mudatan hunda irra aanee hanga harratti hamileen deggersa wal irra hin citne gochaa jiraachuun ifaa dha.

Caasaan kun addatti baroota jahan darban keessa balaa fi rakkoo ala kanatti itti aggaammatame hanga dhabamsiisutti itti duulame dandamatuu irra darbee haala danqaa Dhaaba keenya guddicha ABO biyya keessatti mudateen kan ka’e yeroo sochiin heddun biyya keessatti uggurametti itti fufinsa hoji Jaarmiya mirkaneessuun dandamachiisee bakka harra jirruun ga’uu keessatti shoora olaana taphateera.

Kanumaan wal qabatee haala rakkisa ta’e keessatti Hojii Hogganni ABO biyya keessatti hojjeetu qabeenyaan, beekumsaan, hamilee fi bifa hundaan deggeeruu dhan sochii mumullatoo Dhaabichi biyya keessatti godhuuf utubaa ta’e hojjetas jira.

Sochillee taasifaman keessaa Kora waliinii ABOn waa’illaan isaa kanneen akka KFO fi bakka bu’oota Jaarmayoota Hawaasummaa, Amantii fi Aada Oromoo guutummaa biyya Oromoo keessa jiran qindeessuun maree ballaa Guraandhala 19 hanga Guraandha 22, 2025 tti geggeesse boonsaa dha.

Haala Kanaan wal qabatee murteelee Korri kun egeree QBO fi Ummata Oromoofis murteessoo ta’an irratti fudhate Caasaan keenya deggersa guutuu akka kennuuf murtee dabarfachuu isaa asumaan ifa goona.

As irratti hojiilee bu’uraa hojjetaman fi itti fufinsaanis deggersa barbaadan tilmaama keessa galchuuf hubannootni nu gargaaran jannu qabxiilee armaan gadiiti.

• ABOn haala marfamaa fi akkaan rakkisaa ta’e keessatti baroota jahan darbaniif hidhaa fi ajjeechaa keessumsiisaa hojii Qabsoo karaa Siyaasaa, Diplomasii fi ijaarsa Jaarmiyaa Hawaasaa baballisuun Waltajii Kora Waliinii amma argine kana mirkaneesuun waan dinqiisifamaa ta’uu hubatne
• Korri bakka bu’uoota Haawaasaa tasifame kun itti bahinsa ifaajjii hojii bara dhiphinnaa keessttille utuu hin nuffamiin taasifame ta’u hubannoo keessa galchine.

• Hojiin Siyaasaa fi Hawaasummaa Daandi Qabsoo Karaa Nagaan taasifamu adda durumaan Ummata Oromoo qaqqabuu fi dubbisuu, gurmeessu, hubachisuu fi Kayyoo jalatti hiriirsu waan ta’eef haala rakkisaa ta’e kana keessatti sochi ABOn Ummata isaa qaqqabuuf taasiisee fi gaaddisa maree tokko qophheesuun hanga waltajji maree gudda kana qindeessutti itti milkaawe kun waan nama boonsuu fi abdachiisu waan ta’eef

• Murteeleen amma fudhataman hojii irra ooluuf sochii taasifamu keessatti wareegama jiraachu malus beeknee sanaaf of qopheessuuf alaa fi keessaan tokkummaa qabsaa’ootaa tikfanne qindoominaan akka hojjennuuf wal dhagahuun murteessaa ta’uu hubannee.

• Nagaa fi Tasgabbiin Oromiyaa keessatti uumamuu qabu bu’ura hunda keenyaa ta’ee sochi siyaasaa sana booda taasifamuufis biyya nagaa qabu keessa socho’omee rakkoolee dhawaataan hiikamu malan irratti hojjeechuun yoomu adeemsa hin dhaabbanne ta’u hubannee:
Murtiilee Korri Waliigalaa ABO, KFO, fi Jila bakka bu’ootaa Jaarmiyaale Hawaasumma Oromoo, Jaarmiyale Amanti, Aaadaa Oromoo fi kkf waliin ta’un dabarfate qabeenyaan, beekumsaan, Humna namaa ti fi Hamileen guutummatti ni deggerra.

Adeemsa murtiile kana dhawaatan hojiirra oolchuuf taasisamus bifuma kanaan deggersa guutu akka kenninuuf irra deebine ifa goona.
Haala kana keessatti deggertootni, mararfattootni ABO fi Sabni Oromo waliigalaa afaan-Faajji Media halagaa irraa bifa duulaatiin ABO irratti deemaa jiruuf akka gurra hin kennine hubaachisaa yaaddoo fi yaada qabdaan Caasaa ABO nannawa keessanii ykn kan qunnamtiif isiniif mijjatu qaqqabuun akka gaafattan dhaamna.

Qabsaa’ootni fi Jaarmiyaaleen Oromoo bifa adda addaanis qabsootti jirtan daandii ABOn fudhate yoo isiniif hin taanelleen murtee Jaarmiya kanaa kabajjanii balaalleffannaa fi arrabsoo hin feesisne keessa galtani halagaaf karaa banuun fafa waan ta’eef akkuma ABOn adda addumma isin waliin qabu isiniif kabajjetti isinis murte Jarmiya keenyaa kabajuun safuu Oromoo akka eegdan isin yaadachiisna.

Waluma galatti murteeleen fudhataman ulfaatoo waan ta’aniif hojii irra oolchuu irratti gufuun hedduun akka mudatu beekamaa dha. Gaaffiin sammuu haawaasa Oromoo keessa deemaa jiruus akkataa hojii irra oolma (Implementation) murteele kanaa ta’un Dhaaba Keenyaaf akka gaaritti hubatammaa dha. Akkuma Oromoon makmaakutti “Abjuu Sodaatanii hirriba hin lagatan” jedhamu waan ta’eef murteen Qabsoo keessatti fudhatamu bu’urri isaa Dantaa fi Egeere Saba Oromof siirri ta’uutu ilaalama malee gufuulee akkamiitu nu mudata inni jedhu hin dursu.

Kanaaf deggersa barbaachisu kennaa Dantaa Saba Oromoo fi Biyya Oroomoof murteesso ta’an bakkan ga’unn dirqamaa fi itti bahinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamuuti waan ta’eef Hojii fi murteelee dhaaba keenya yoomu ni deggerra.

Injifatnoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo – Casaa Biyya Alaa
Guraandhala 24, 2025

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *