Qaro-dhabeeyyiin Yuniversitiirraa eebbifamanii hojii dhaban hiriira ba’uun mirga isaanii gaafatan.

Qaro-dhabeeyyiin Yuniversitiirraa eebbifamanii hojii dhaban hiriira ba’uun mirga isaanii gaafatan.
(SQ-Bitootessa 12/2022)
Qaro-dhabeeyyiin Oromiyaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoo garaagaraatii eebbifaman carraa hojii dhorkamnee rakkoorra buune jedhan.
Qaro-dhabeeyyiin Yuniversitiiwwan Finfinnee, Jimmaa, Haramaayaa, Diillaa fi Dabrabiraanfaatii eebbifaman kunniin haala ulfaataa keessa taanee barnoota xumuruuf dandeenyus, mootummaan carraa hojii nudhorkateera, hoji-dhabdummaaf saaxilamnee rakkoorra buuneerra jechuun Finfinneetti hiriira bahanii Furmaata gaafataniiru.
“Barannee Daandii irratti kufuu hin qabnu, Osoo Ogummaa qaabnuu kadhattuu hin taanu” kan jedhan dhalattoonni Oromoo kunniin, Qaro-dhabeeyyiin Naannoo Oromiyaa keessatti argaman akkuma nama kamiiyyuu hojjetanii jiraachuu akka danda’aniif karri hojii akka banamuuf gaafataniiru.
Labsiin Qacarrii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin ba’e Mirga keenya kan daangessudha, Mirga hojjennee jiraachuu numulqeera kan jedhan Qaro dhabeeyyiin-kunniin, Labsicha nimormina, irra deebiin akka nuuf ilaalamu gaafanna jedhan.
Qaro-dhabeeyyiin naannoo Oromiyaa Dhaabbilee Barnoota Olaanoorraa yeroo garaagaraatti eebbifamuun hoji-dhabdummaaf saaxilamanii jiran kunniin, Finfinnee naannoo Istaadiyomiitti walgahuun hiriiraan sagalee isaanii dhageessifachaa hanga Waajjira Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti deemanii deemaniiru. Xalayaa Gaaffii isaanii ibsu qabatanii, kutaa komii waajjira Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti dhiheeffachuuf yaalanis, Qaamni mootummaa gaaffii isaanii simatee furmaata kennuuf hayyamamaa hin taane. Poolisiin nubittimsee ofirra deebi’uuf dirqamne jedhu.
“Miira tuffii fi miira gadaantummaatiin ilaalamuu hin qabnu, gaaffii keenyaaf deebii malu barbaanna” jedhan. Fuul-duraafis adeemsota Mirga Qaama miidhamaa sarban kamuu dura kan dhaabbatan ta’uu ibsuun, dhimmi isaanii xiyyeeffannoo malu argatee, mirgi isaanii akka kabajamuuf tumsi hawaasa maraa murteessaa ta’uu dhaammataniiru!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *