Haleellaaa qilleensaa Tigraayi, Dangolaatitti raawwateen yoo xiqqaate namoonni shan ajjeefamuun beekame.
(SQ-Onkoloolessa 8,2022)
Haleellaa qilleensaa naannoo Tigraay magaalaa Dangolaati kan Maqalee irraa fageenya kiilomeetira 30 irratti argamtutti raawwatameen yoo xinnaate namoonni shan ajjeeffamuu fi 37 ammoo miidhaan irra gahuu maddeen hospitaalaa BBC’tti himan.
Itti gaaftamaan Hospitaala Riifaraalii Ayidar Maqalee keessaa, Dr Kibroom Gabresilaasee akka himaniitti, haleellaan kunis guyyaa Jimaata Onkolooleessa 7, 2022 naannawa sa’aatii laaqanaatti raawwatame.
Sababii malli quunnamtii naannichatti akkuma cufameetti jiruuf haleellaa jedhame kana ammaaf mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Mootummaanis hanga ammaatti himannaa kanarratti omaa hin jenne.
Haata’u malee kanaan dura mootummaan Itoophiyaa ibsa karaa miidiyaa hawaasaatiin Fulbaana 30, 2022 baaseen, Humni Raayyaa Ittisa biyyaaleessaa ergamasaanii of eeggannoo cimaadhaan qabeenyaawwan waraana finciltootaa irratti raawwataa jira jechuunsaa ni yaadatama.
Dr Kibroom namoonni miidhaan irra gahe muraasni isaanii kan wallaansa baqaqsanii yaaluu barbaachisu yo ta’u hospitaalichi tajaajila sana kennuu akka hin dandeenye dubbatan.
‘‘Isaanis baay’e rakkatan. Nutis waliin baay’ee rakkataa jirra‘‘ jedhan.
Erga waraanni Sadaasa 4, 2020tti naannoo Tigraayitti eegaleen kaasee waggoota lamaan darban keessatti lubbuun namoota kumaatamaan lakka’amu badeera.
Haleellaan kunis bakka qaamoolee wal waraanaa jira humnootii TPLF fi mootummaa Itoophiyaa narii nagaatiif bakka tokkootti fiduuf bakka mallattoo gaariin mul’atee tureetti.
Kunis yaaliiwwan marii taasisuudhaaf abdiin jiraatulleen ammalleen waraanni itti fufee jiraachu kann agarsiisuudha.
Jalqabuma torban kanaatti haleellaa qilleensaarraa naannicha bakka Addi Da’aaroo jedhamutti yeroo lammataaf raawwateen namoonni 50 ol ajjeefamu hojjettoonni dhaabbata tola-oolaa naannichatti argaman himun ni yaadatama
Waraanicha karaa nagaatiin furmaata barbaaduuf jecha yaalii biyyootaa fi dhaabbilee addunyaatii taasifamaa turulleen hanga ammaatti bu’aa qabatamaan hin argamne.
Marii nagaa dahoo Gamtaa Afriikaa jalatti Sambattan kana Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture sababiiwwan loojistiikiitiin yeroo adda hin baaneetti dabarfamu Rooyitarsi maddeen dippilomaatii eeruun gabaasunsaa ni yaadatama.
Akkasuma jaarsoolii haraara mootummaa federaalaa fi humnootii Tigaay jidduutti taasifamuuf ture dursuuf turan keessaa tokko kann ta’an pirezidaantiin duraanii Keeniyaa, Uhuuruu Keeniyaataa beellamni marii amma Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamuuf ture irratti akka hin argamne beeksiisan.