Miseensonni koree Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN lama mana murtiitti dhihaatan.
(SQ – Onkoloolessa 7,2022)
Miseensotni Koree Mootummaa Ce’umsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa galmee Qaasim Abdullaahii jalatti himataman namootni 17 gaazzexeessitoota ONN lama dabalatee guyyaa har’aa Onkoloolessa 07,2022 ALItti 27/01/2015 Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Calcaliitti dhihaataniiru.
Mirgi wabii isaan gaafatan hanga ammaatti kan hojii irra hin ooliniif yoo ta’u, dhaddacha har’a ooleen ragaan biraa dhihaatuun hubatameera. Ragaan dhihaates akka barbaadanitti ta’uu waan dadhabeef Abbaan Alangaa addaan kuteera.
Manni Murtii beellama biraa Akka Lakkoobsa Itophiyaatti ji’a itti aanu gaafa 24,2015tti qabuunis hubatameera.