Masriin biyyi qaama Galaana Diimaa hin taane kamiyyuu galaana irratti buufata humna galaanaa akka hundeessan hin hayyamnu jette

Masriin biyyi qaama Galaana Diimaa hin taane kamiyyuu galaana irratti buufata humna galaanaa akka hundeessan hin hayyamnu jette.

Masriin sochii waraanaa ykn tattaaffii humna waraana galaanaa biyya qaama Galaana Diimaa hin taaneen naannoo Galaana Diimaatti hundeessuuf godhamu kamiyyuu akka hin fudhanne beeksiftee jirti.

Kunis marii Ertiraa keessatti jila ministeera haajaa alaa Masrii Badr Abdallatii fi preezdaantii Isaayyaas Afwerkiin durfamu taasifamaa ture hordofeeti.

Marichaan biyyoota lamaanii Galaana Diimaa dabalatee gama dantaa waloo adda addaatiin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Masrii, “Nageenyi Galaana Diimaa dantaa biyyoota ollaa qofa irratti hundaa’a; waraannis ta’e humna galaanaa kamiyyuu naannoo sanatti akka argamu hin hayyamnu,” jedhan Ministirri Dhimma Alaa Masrii.

Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa Masrii irraa bahetti, Abdallatiy Prezdaant Isaayyaas waliin mari’ataniiru: Dhimmoota ardiilee waloo irratti, keessattuu akkamitti nagaa fi nageenya gaanfa Afrikaa keessatti akka deeggaran, shororkeessummaa Somaaliyaa keessatti itti qolatan, akkasumas naannoo ishee hunda irratti abbaa biyyummaa akka hundeessan irratti yaada waljijjiirraan gaggeeffameera.

Walgahiin kun haala Liibiyaa fi naannoo Saahel Afrikaa, akkasumas guddina Galaana Diimaa fi biyyi Galaana Diimaa hin taane kamiyyuu nageenyaa fi bulchiinsa irratti hirmaannaa akka hin fudhanne diduu irratti xiyyeeffateera.

Ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Eertiraa kenneen, preezdaanti Isaayyaas Afwerkii kaleessa galgala jila Ministira Dhimma Alaa Masrii Badr Abdallatiin durfamu waliin dhimmoota naannoo irratti marii bal’aa taasisuu isaanii beeksisaniiru.

Ibsichi itti dabaluudhaan mariin qormaata nagaa fi nageenyaa Sudaan, Somaaliyaa, fi walumaa galatti gaanfa Afrikaa, akkasumas naannoo Galaana Diimaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *