KORA WALIINII ABO FI KFO’n MAGAALAA FINFINNEETTI GURRAANDHALA 19- GURRAANDHALA 22, 2025 TTI TAASISAN ILAALCHISEE IBSA EJJENNOO KONYAA ABO-SWEDEN

 

KORA WALIINII ABO FI KFO’n MAGAALAA FINFINNEETTI GURRAANDHALA 19- GURRAANDHALA 22, 2025 TTI TAASISAN ILAALCHISEE IBSA EJJENNOO KONYAA ABO-SWEDEN

Qabsoon Oromoo kallacha qabsoo bilisummaa Oromoo kan tahe ABOtiin qindoomee walakkaa jaarraa caaluf qabsoo hadhooftuun wareegama gurgudddaa kaffalee bu’aalee tarreeffamuu danda’u kan argamsiise tahuu hundaaf killee dha. Kanaafis dhaabni keenya ABOn abdii fi egeree saba guddaa ta’uunimaanaa dhalootaa fuudhee har’as sana tiksaa jiraachun hubatamaa dha. Adeemsa Qabsoo bilisummaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoon durfamu keessatti Miseensonni fi deeggartoonni ABO jaarmiyaa ABO biyya alaa konyaaleen bakka jiran hundatti hawaasaa Oromoo dabalatee gaheen isaan QBO keessatti qaban waan laayyoo miti. Har’as akkuma duraanii miseensotni ABO, caasaa ABO-biyya alaa jalatti hojii qabsoo isaanii osoo hin sharafiin itti fufanii jiru. Konyaalee ABO biyya alaa jiran keessaa konyaan jabaa fi murannoon kan qabsoo gama hundaatti jiran keessaa tokko konyaa ABO Sweden.

Miseensonni ABO-Konyaa Sweden, Kora waliinii ABO fi KFOn torbee darbe taasisan irratti marii galii kora waloo sanaa xinxaaluun kaayyoo fi akeekaa Qabsoo bilisummaa Oromoo ABOn maniin gahuuf irratti ijaarame, Hiree murteeffannaa Oromoo karaa hundaan qabsoo gochuun barbaachisaa tahuu hubannee korri waloo kunis adeemsuma sana kan shaffisiisu waan ta’eef waan dhaabni keenya hojjatu qalbii guutuun kan deeggarru tahuu qabxiilee armaan gadiitin ibsanna.

ABO fi KFOn jaarmiyaalee siyaasaa Oromoon dhalfatee, Oromoon kuunuunsee guddifatee jiraachisuufis wareegama hadhaawaa itti kaffalaa as gahee fi har’as itti jiru ta’uu irraa hiikaan kora waliinii kuni guddaa akka tahe hubanna. Kanaafis Kora waliini dhaabbileen lamaan, bakka buutota hawaasaa fi jaarmiyaalee adda addaa waliin dhimma sabaa irratti marii gochuun ejjannoo tokko qabaachuu isaanii gammachuun simanne.
ABO tarsimoo fi tooftaa QBO ittiin gaggeessun osoo hin sharafin galma kaayyoo keenyaa karaa ittiin milkeessee hiree murteeffannaa saba Oromoo dhugoomsuf oolu qabsoo roga hundaan godhu nuti miseensonni ABO konyaa Sweden guutumaa guututti kan deeggarru ta’uu fi akka jabaatee itti fufu ibsanna.
Haala wal xaxaa siyaasa Impaayera Xoophiyaa si’anaa fi egeree hiree saba Oromoo xiinxaluun sabni keenya yeroo ammaan tanaa bjiruu fi jireenyi isaa boora’ee, bahaa fi galli isaa gaaffii keessa galee, diinni gamaa gamanaa ilkee itti qaratee eenyummaa isaa irratti fuulleffachuun yeroo halkanii guyyaa hojjatan kana keessatti karooraa diinaa gama hundaan jiru dura dhaabbachuuf murtoon Mootummaa cehumsaa Biyyoolessa Oromiyaa waloo ijaaruu dhaa tarkaanfii siyaasaa sirrii fi qajeelaa tahuu hubannee deeggarsa keenya ni laanna;Kunis saba keenyaa kallattii qajeelan hoogganuun akka eenyummaa isaa tikfatuu fi waliin dhaabbatu gochuu keessatti qooda guddaa qabaatra jennee amanna.
Qabsoo abbaa biyyummaa Oromoon erga gaafa cabeetii itti jiru osoo hin sharafin ammas daangaa Oromoo fi qabeenyi Oromiyaa kanneen karaa addaa addaa maal na dhibdee fi taliisummaa bara ‘Mootummaa’ EPRDF hanga mootummaa Bilxiginnaatti taasifameen dachee Oromoo yeroo dhaa gara yerootti sharafamaa, daangaan Oromiyaa cabsamee ollootan dhuunfatamaa fi sharafa siyaasaa ittiin hojjatamaa hardha gahee fi akkasumas dogongora OPDOn bara ceehumsaa-1991 gooten, godinni Walloo daangaa uummata ollaa Oromiyaa jalatti caaseffamuu irraa kan ka’e uummanni keenyaa guyyuu abidda keessatti gubachaa akka jiraatu waan taasifameef, korri waliinii ABO fi KFO dhimma kana akka ijoo guddaatti kaasee daangaan Oromiyaa kabajamuu akka qabu walii galtee isaanii keessatti jala harraqanii kaa’un isaanii QBO galii isaa irraa osoo hin maqin daandii sirriin deemaa jiraachuu hubachuun deeggarsa keenya ni laanna. Kunis sabaa fi sablammoonni olloota Oromiyaa jiran qabsoon bilisummaa Oromoo biyyaa fi qabeenyaa isaa irratti ejjannoo jabaa qabaachuu dhaabbilee siyaasaa Oromoo hubachuun nagaa, wal kabajuu fi hariiroo ollummaa garii waliin jireenyaa ollummaa egeree keessatti akka itti yaadan kan godhuu dha jennee abdanna.
Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessa Oromiyaa kan qaamaa hunda hammate ijaaramuf wixinee yaadaa dhiyaate kana keessatti fiixa bahiinsaa fi sabatiinsa akeekaa kanaaf shoorri Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) guddaa ta’uu korri suni akeekuu isaas kan deeggarruu fi WBOn qooda olaanaa bahuun nagaa fi nageenyi Oromiyaa kabajamee, daangaan Oromiyaa eegamee Oromoo kabaja isaaf maluun biyyaa abbaa isaa irratti hiree murteeffannoo isaa akka galmaan gahatus egereef waan akeeku waan taheef deeggarsa keenya guutuun waliin dhaabbachuu keenya ibsanna.
Dhuma irratti Misensota ABO fi KFO idil-addunyaa keessa jirtan, Jaarmiyaalee hawaasa Oromoo, jaarmiyaaleen civiikii fi kanneen dhimma Oromoo irratti hojjattan hundi yaada furmaataa ABO fi KFOn, bakka buutota kutaalee hawaasaa Oromoo 16 caalan waliin tahuun dhiyeessan kuni akka hojii irra ooluf gama tokkoon mootummaa Bilxiginnaa irratti dhiibbaa uumuun akkasumas yaadan, humnaa fi beekumsaan Dhaabbilee siyaasaa Oromoo ABO fi KFO waliin akka dhaabbannu waamicha dhiyeessina.

IUOf!
Miseensota ABO Konyaa Sweden
Bitootessa, bara 2025, Swiidin, Stockolm

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *