#Salaale Farda luugamee,Da’imman harqoota baachisee nagaan akka bu’uuf Waamicha godhe network bilbilaa irraa cufuun dararaa hamaa irraan gahaa jiru mootummaan.
Mootummaan erga Uummata Oromoo uummata salaalee irraa Neetworkii Bilbilaaf Inteerneeta balleesseen guyyootni 6 darbanis ummatni jala bultii bara haaraan qe’ee isaa irratti waraana ppn goolamaa hidhaatti guuramaa jira.
Mootummaan pp ummata nagaaa irratti lola erga labsee amma torban ta’eera. Uummata nagaa shiraa siyaasaaf jedhanii sagalee isaa ukkaamsanii hiraarsuun karaa kaminuu sirrii miti,dararaan Salaalee keessatti tahaa jiru kan Oromoota golee Oromiyaa maraati dhaabbachuu qaba!
Kaaba shaggar Salaalee dabalatee Lixa shaggar irraa erga Neetworkiin bilbilaaf Inteerneeti irraa citee torbee gahee jira,Uummata irraa Neetworkii Inteerneetaa fi bilbilaa irraa balleessanii waraana irratti labsan kana baatii kana keessa ummatni bahee Nagaa barbaadna” jedhaa hiriira bahaa jedhaniiniit uummatni bahee sagalee isaa dhageesifataa ture.
salaalee caaccuf alangee qabatee,daa’immatti harqoota baachisee,farda luugamee daandiitti gad bahee waaqa kadhachaa araara jechaa ture immimmaan buusee. Har’a warrumti uummata hiriira baasee sun ummaticha irraa Neetworkii Bilbilaaf Inteerneeta cufuun jala bultii bara haaraatti dukkana keessatti hambisee waraana irratti labsuun kaan ajjeesaa,kan irratti mana gubaa hiraarsaa jira.
Taateen kun kan ta’aa jiru Kaaba Shaggar magaalota/onoota Sulultaa gara gadii qabee Haga warra jaarsootti,achiin Abooteef Darraa,Laga Daadhiif Sandaafaatti hammaatee jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.
Akkasumaas shaggar lixaa Onoota fuula Mogor jiran kan Lixa Shaggar Ada’aa Bargaa,Meettaa Wal-qixxees Neetworki irraa balleessanii ummata hidhaatti guuraa manneen qonnaan bulaa gubaa jiraachuu dhagayamaa jira.
Sababa Adda citiinsa Neetworkii bilbila harkaa kanaan ummatni Ayyaana bara jijjiirraaf Maatiin wal quunnamaa hin jiru,imaaltoonni ayyaanaaf maatii bira galaa jiran sababa Neetworkiin maatii waliin wal qunnamtii dhabuun rakkoof dhiphuutti jiru.
#Unblockphoneandinternetservice
#SelaleOromia