Waraanni Bilxiginnaa Wallagga Bahaafi Qellem Wallaggaatti Namoota 3 yoo ajjeesu, 2 ammoo madeesse.
(SQ-Bitootessa 14,2022)
Waraanni Bilxiginnaa Bitootessa 12,2022 Godina Wallagga Bahaa aanaa Kiiramuu Ganda Caffee Guddinaa bakka Noolee jedhamutti Dargaggoo Alamaayyoo Dassaalee Abbabaa jedhamu badii tokko malee rasaasaa itti roobsuun yoo ajjeesan Namoota iyya dhaga’anii birmatan keessaa Ammoo Maanguddoo Gammadaa Wiirtuu jedhamanis ajjeesuun Obbo Dureessaa Sanyii fi Obbo Taakkalee Moosisaa jalaa ammoo loon 10 ol akka saamu Maddeen SQtti himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen siyaasa keessa qooda kan hin qabne akkasumas hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa kan qaban yoo ta’an badii qabaatanii Osoo hin taane maqaa shanee gargaartu jedhu itti maxxansuun ajjeesanis jedhu.
Oduuma wàl fakkaatuun waraanni Bilxiginnaa bitootessa 12,2022 Godina Qellem wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan Ganda Mojoo bakka Amuumaa jedhamutti mana nama Obbo Raggaasaa Abbabaa jedhamuu halkan bakka isaan ciisaa jiranitti cabsanii itti seenuun Haadha ijoollee kan taatee Surraanee Raggaasaa fi Misiraaq Raggaasaa Rasaasaan yoo rukutan Mitikkuu tasfaayee Abbabaa ammoo cubeedhaan garaa irra akka waraanaan maddeen keenya nuuf himan.
Namoonni rasaasaan rukutaman kunneen Hospitaalaa Gabaa Roobiitti yaalamaa turan illee Aaddee Surraanee Raggaasaa Guyyaa har’aa bitootessa 14,2022 lubbuun ishee akka darbe odeeffanneera.
Ittuma fufuun Bitootessa 12,2022 Godinuma Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Ganda Tuulama Canqoo keessatti Waraanni Bilxiginnaa qabeenyaa uummataa qarshii 500,000 fi midhaan callaa hedduu akka saaman maddeen SQ nuuf himan.