(SQ-Bitootessa 12,2022)
Daangaa Oromiyaa cabsee seenuun Gocha gara jabeenyaan guute, yeroo adda addaatti uummata Oromoo irratti raawwachaa kan jiru faannoon Amaaraa akkasuma daangaa Naannoo Benishangul Gumuz cabsanii seenuun tibba kanas Godina matakkal naannoo Gubaa jedhamutti Osoo lubbuun keessa jiruu Uummata nagaa Abiddaan yeroo guban mulisu vedion Media hawaasummaa irra facaafameera.
Kana duras gochi suukanneessaa akkasii waraana Bilxiginnaatiin kibba Oromiyaatti uummata nagaa ajjeesanii abiddaan osoo gubanii vedion ba’e mul’isee ture.
Gocha tibbana matakkalitti faannoon Amaaraa namoota lubbuun keessa jiru abiddaan guban ilaalchisee kominikeeshinin mootummaa Bilxginnaa ibsaa baaseen qaamota gocha sana raawwatan seeratti akka dhiheessu waadaa galee jira.
Mootummaan Bilxginnaa gama tokkoon faannoo Amaaraa Oromiyaafi naannoo kan bira keessa seera alaa bobboosaa osoo jiruu, gama biroonis ofii isaafuu osoo reeffa namaa gubuu Qaama gocha kana raawwate seerattin dhiheessa jechuun isaa tufiifi uummata bal’aa sobuudha jedhu hayyoonni.
Vedion osoo namnni lubbuun jiru ibidaan gubatuu mul’isu soshaal media irratti gad dhifame namoota heddu kan dheekamsiise yoo ta’u namoota akkasin fayyatti dhala nama guban waliin jiraachuun hin danda’amu kan jedhan heddudha.!