Nuunnuu Qumbaa Ganda Waamaa Adareetti humni Qilleensaa Mootummaa Bilxiginnaa xiyyaaran uummata nagaa haleele.
(SQ-Onkloolessa 23,2022)
Humni Qilleensa Mootummaa Paartii Bilxiginnaa Diirooni fayyadamuun Oromiyaa bakkoota addaa addaatti haleella qileensa irra raawwachaa jiruun miidhaa lubbuu fi mancaatii qabeenya uummaata irraan ga’u itti fufee jira.
Haala kanaan Onkoloolessaa 21,2022 waaree booda Godina Wallaggaa bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa bulchiinsa magaala Adareetti murni bilxiginnaa halleella dirooniin boombii gubbaa gadi darbateen qabeenyaan uummataa barbaada’uu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti namootni sadii madaa’uu Maddeen SQtti himan. Namoota halleellaa kanan madaa’an keessaa kan maqaa arganne nama Carraa Geetaachoo jedhamuu akka ta’ee fi namootni biroon haleellaa kanaaf saaxilaman jiraachuu jiraattootni dubbataniiru.
Murni bilxiginnaa kun Onkoloolessaa 19,2022 Shawaa lixaa aanaa metta Walqixxee keessaattis halleella xiyyaara raawwateen lubbuu namoota 14 ol dabarsuu fi qabeenyi barbaada’uu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.