Barruun NEW LINES Jedhamu kan Amerikaa tahe Haleellaan Diroonii Oromiyaa keessatti gaggeeffamuu ragaan dhugoomsee ifoomse.

Barruun biyya Ameerikaa NEW LINES jedhamu, qorannoo walabaa gaazexeessitoota isaatiin adeemsiseen, haleellaan Diroonii lammiilee nagaa Oromiyaa irratti mootummaatiin raawwatamuu mirkaneesse.

(SQ-Mudde 29,2022)

Gabaasa qorannoo walabaa kana qindeessuuf ji’ota itti fudhachuu kan ibse gaazexichi, deggersa ragaalee saatelaayitiifi jiraattotaatiin qorannicha mirkaneessuusaa ibse.

Akka gabaasichi agarsiisutti, barattootni uffata mana barumsaa uffatanii jiran, namoota haleellaa dirooniin ajjeefamanii reeffisaanii argame keessatti argamaniiru.

Barruun biyya Ameerikaa hojiilee qorannoo fi gabaasawwan si’atoo dhiheessuutiin gurra guddaa horate New Lines, qorannoo ji’otaaf adeemsisaa tureen Oromiyaa keessatti mootummaan Itoophiyaa haleellaa dirooniitiin lammiilee nagaa hedduu galaafachuu ragaatiin mirkaneesseen jira jedhe.

Akka gabaasni qorannoo dheeraan kun agarsiisutti, ji’a Sadaasaa darbe keessa haleellaan diroonii mootummaadhaan Oromiyaa irratti yoo xiqqaate bakka afuritti raawwateera.

Jiraattota bakkeewwan haleellaan diroonii itti raawwate dubbisuun ragaalee kan qindeesse New Lines, Godina Wallagga Lixaa Aanaa Boojjii Dirmajjii keessatti haleellaa diroonii raawwateen barattoota dabalatee lubbuun namoota nagaa hedduu magaalaa walakkaatti darbeera.

Bulchiinsi mootummaa Naannoo inni guddaa Itiyoophiyaa keessa jiru Oromiyaan, haleellaa qilleensarraa mootummaa federaalaa jalatti kufus hanga ammaatti gama mootummaa naannootiin deebinillee hin kennamin jira jedha New Lines.

Ragaa suuraa saatelaayitii fi suuraawwan harkaan kaafamanii wal bira qabuun madaalee kan mirkaneesse gaazexichi, Onkoloolessa 22, 2022 keessas jedha Shawaa Lixaa Aanaa Cobiitti haleellaa diroonii mana barumsaarratti raawwatameen lubbuun namoota nagaa hedduu darbuufi hawaasni nagaa miidhaa qaamaaf saaxilamuusaa akka mirkaneeffate ibsa.

Maanguddoo waggaa 80 dabalatee dubartoota, haadha mucaafi daa’imman xixiqqoo akkasumas dargaggootni namoota haleellichaan ajjeefaman keessatti akka argaman ogeessa fayyaa hojjeta buufata fayyaa aanichaarraa odeeffachuu addeessa qorannoon kun.

Aanaa Cobii qofatti jedha New Lines bakka haleellichi raawwatetti reeffi argame kan nama 86 akka ta’e ogeessota fayyaa irraa odeeffadhe jedha.

Guyyaa haleellaan Diroonii kun raawwatame hawaasni naannichaa walga’iif walitti qabamanii bakka jiranitti samiirraa gad roobuun hawaasa nagaa akka fixes New Lines jaarsa biyyaa Obbo Gammachuu Abdiisaa jedhamanirraa odeeffachuusaa ibsa.

“Kiliniki ani keessa hojjedhu qofati, namoota dirooniin haleelamanii hedduu miidhamuun utuu waldhaansarra jiranii lubbuun darban 15- 20 galmeerraa qabdi” kan jedhu ammoo ogeessa fayyaa aanaa Cobii New Lines’f odeeffannoo kennan keessaa nama tokko.

Dabalatas Sadaasa 9 Wallagga Lixaa Aanaa Mandiitti haleellaa diroonii raawwateen lubbuun namoota nagaa hedduu akka darbe gabaasichi mirkaneesseera.

Onkoloolessa 19 fi 23 qofa yoo xiqqaate namni 70 ol dirooniin ajjeefamuu ragaaleen walitti qabanne nuuf mirkaneesseera jedha gabaasni bal’aan kun.

Itoophiyaan biyya nama badhaasa noobeelii nagaa argateen hoogganamtu taatus, lammiileen biyyattii rakkoo nageenyaafi sababa waraanaafi uumamaatiin beelaa ulfaataaf saaxilamaniiru jedha gaazexichi.

Hanga ammaattis Kibbaafi Kaaba biyyattiirratti lammiileen miiliyoona kudhan gargaarsa kidhaan nyaataa hatattamaa akka isaan barbaachisuus, dhaabbata dhimmoota midhaan nyaataa addunyaa wabeeffachuun gaazexaan kun gabaasee jira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *