Wallaggaa Lixaa Begiitti mootummaan Bilxiginnaa Xiyyaaraan uummata nagaa haleelle.
(SQ – Sadaasa 20,2022)
mootummaan Biltsiginnaa Sadaasa 20,2022 Godina Wallagga Lixaa Ona Begii bakka Lophii jedhamutti haleellaa xayyaaraa raawwateen ummata siviilii 5 ajjeesuun garii isaanii madeessee jiraachuun dhaga’ame.
Sadaasa 16,2022 Godina Lixa Shaggar Ona Amboo, Waddeessaatti haleellaa xayyaaraa mootummaa Biltsiginnaan fudhatameen namootni 19 yoo ajjeesamanii 24 madaa’aniiru.
Sadaasa 15,2022 Godina Kaaba Shaggar Darraa iddoo addaa Raachoo Barreessaa jedhamutti ummata midhaan haamame tuuluuf guuraa ture irratti rukuttaa xayyaaraa raawwatameen namootni 34 yoo du’an, 41 ol madaa’aniiru.
Sadaasa 14,2022 haleellaa xayyaaraa yeroo 3f Godina Lixa Shaggar Cobii bakka Addis Katamaa ykn dhaaba doqdoqqeetti geggeesseen namootni siviilii 49 yoo du’an 67 ol madaa’aniiru.
Sadaasa 09,2022 haaluma walfakkaataan Godina Lixa Wallaggaa Ona Mana Sibuu magaalaa Mandiitti haleellaa xayyaaraa mootummaan Biltsiginnaa raawwateen namootni 100 ol ajjeesamanii, hedduun madaa’aniiru.
Sadaasa 02,2022 Godina Lixa Wallaggaa Ona Boojji Birmajjii magaalaa Biilaattis rukuttaa xayyaaraa lammiilee siviilii irratti mootummaa Biltsiginnaan raawwatameen 80 ol ajjeesamanii, dhibbootaan madaa’aniiru.
https://t.me/hordofaa