๐๐ฃ๐ฃ๐๐๐๐ก๐๐๐ง ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐๐๐ฆ๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐๐ง ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐๐ ๐๐ ๐๐ข๐๐ก๐๐ง๐ง๐จ๐จ ๐๐ข๐ง ๐๐๐๐ง๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐ฎ ๐๐จ๐๐ก๐ ๐๐๐ซ๐ ๐๐๐๐๐๐ง๐ฒ๐๐ ๐๐ข ๐๐๐ค๐ค๐ ๐๐๐ซ๐๐๐ง๐๐ ๐ญ๐ข.
๐๐๐๐ง ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐ฅ๐๐ ๐๐ฎ๐ฆ๐ง๐ ๐๐ข๐ฅ๐ฅ๐๐๐ง๐ฌ๐๐๐ง ๐๐โ๐๐ ๐๐ข๐ซ๐๐๐ง๐ฒ๐๐ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐๐ ๐๐ ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐ฎ ๐๐๐๐ข ๐๐๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐๐๐๐ญ๐.
Mootummaan Paartii Bilxiginnaa, qaamoleen tikaa fi waraanaa isaa ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu cimsanii itti fufanii jiran. Waan kana taโeef, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa dirqamaa fi Itti Gaafatamummaa isaanii akka bahan ammas waamicha goona.
Ajjeechaa Mootummaan Itoophiyaa walitti fufiinsaan, karoorfatee namoota nagayaa irratti raawwachaa jiru ilaalchisee Hawaasi Idil-Addunyaa tarkaanfii barbaachisaa taโe akka fudhatuuf duuka buunee saaxiluudhaan waamicha dhiyeessaa akka turre ragaalee keenya armaan duraa irraa mirkaneeffachuun ni dandaโama.
Gaafa Onkoloolessa 19, 2022 Godina Wallaggaa Lixaa, Ona Saasiggaa, magaalaa xiqqoo Tsigee jedhamtu keessatti fiinxaaleyyiin naannoo Amhaaraa hidhatanii bobbaโan, Humnoota Federaalaatiin kan deeggaraman yoo tahu, lammiilee nagaa sagal ajjeesuun namoota sadii madeessanii jiru.
Gaafa Onkoloolessa 20, 2022 Humni Qilleensaa Mootummaa Federaalaa kutaalee naannoo Oromiyaa harka caalaa keessatti weerara humna qilleensaa gaggeessee jira. Kanumaan Godina Shawaa Lixaa, Finfinnee irraa km 70 fagaattee kan argamtu Ona Meettaa Walqixxee, magaalaa Minaareetti, haleellaa qilleensaa raawwatameen lammiileen nagaa ajjeefamanii kaan ammoo madaaโanii jiru. Namoota miidhaman keessaa namoonni sadii maatii tokkoo dha.
Gaafa Onkoloolessa 22 fi 23/2022 ammoo Godina Shawaa Bahaa, Ona Fantallee, Godina Shawaa Lixaa, Onoota Meettaa Waliqixxee, Gindabarat fi Godina Wallaggaa Bahaa Ona Nuunnuu Qumbaa keessatti haleellaan qilleensaa Mig 29 cimee itti fufeen, namoonni nagaa hedduun du’anii kaan ammo madaa’aniiru.
Bakkoota kanneen keessaa iddoowwan hedduutti manneenii fi qabeenya miidhamtootaa keessattuu beeyladoonnii fi meesshaaleen buโuura jireenyaa akka barbadeeffaman gabaafamee jira. Haleellaan qilleensaa kun Onkoloolessa 22, 2022 Godina Shawaa Bahaa, naannoo Fantaalleetti itti fufuun isaa gabaafameera. Baayโina namoota ajjeefamanii bakkoota hunda irraa adda baasuun rakkisaa dha.
Tarkaanfiin gara jabinaa murni aangoo qabatee jiru ummata nagaa irratti walitti fufiinsaan fudhachaa jiru dhaabbachuu qaba jenna. Hawaasni addunyaa murna lubbuu lammiileef xiyyeeffannoo kennuu didee ajjeechaa gara jabinaa akkasii raawwachaa jiru kana irratti tarkaanfii fudhachuuf itti gaafatamummaa qaba.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, buโuura sanadoota Mirgoota Namoomaa, Chaartarootaa fi Waliigalteewwan biroo keessatti tumameen, qorannoo walabaa gaggeessuu fi yakkamtoota seeratti dhiheessuuf dirqamaa fi itti gaafatamummaa isaa bahuu qaba.
Kanaanis, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Hawaasni Idil-addunyaa gocha hammeenyaa Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru osoo beekanii callisuu dhiisanii, lubbuu nagaa baraaruuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan dhaammanna.
Injifannoon ummata bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 24 2022
Finfinnee