Itoophiyaatti namoonni labsii yeroo muddamaan hidhaman hatattamaan akka hiikaman US fi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gaafatte
(SQ-Gurraandhala 16/2022)
Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa kaasuun isaa hojii sirrii fi qaama furmaata goolama siyaasaa biyyattii ta’uu kan ibse mootummaan US, garuu tarkaanfii kanatti aansuun namoonni wayita labsichi ture hidhaman hatattamaan hiikamuu qabu jedhe.
Waraana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiruu fi goolama siyaasaa uumamee jiru karaa nagaan furmaata kaa’uuf tarkaanfiin mootummaan fudhate xurree kan saaquudha jechuun, tarkaanfii mootummaa kanatti gammaduu ibseera Ministeerri Dhimma Alaa US.
”Labsii yeroo muddamaa kana keessa hidhamanii kanneen osoo himannaan irratti hin banamin mana hidhaa jiran hatattamaan hiikuun tarkaanfii itti aanu ta’uu qaba,” jedha ibsi kun.
Hidhaan akkanaa yoo dhaabbate, mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisaa fi bu’a-qabeessa ta’e dhugaatti jiraachuu danda’a jedha ibsichi.
Mootummaan US Itoophiyaa keessatti waraanni hatattamaan akka dhaabbatu, gargaarsi namoomaa danqaa malee akka qaqqabu, akkasumas dhiittaan mirga namoomaa akka qoratamu gochuuf qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin dubbachuu itti fufti jedha ibsichi.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas Paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa kana osoo yeroonsaa hin xumuramin kaasuun sirrii ta’uu ibse.
Mootummaan labsiin kun mirga namoomaarratti miidhaa guddaa qabaachuu hubatee kaasuunsaa waan jajjabeeffamuudha jedha ibsi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Komishinichi namoonni yeroo labsiin kun ture hidhamanii hanga yoonaa manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessa jiran hatattamaan akka gadhiifaman gaafateera.
Dabalataan namoonni labsii yeroo muddamaan hidhamanii gadhiifaman, waraqaa kana mirkaneessu dhabuusaaniitiin gara hojiisaaniitti deebi’uu waan hin dandeenyeef, rakkoolee hawaas-diinagdee hamaaf saaxilamaa jiraachuu akka adda baases ibseera komishinichi.
Kanaafuu namoota mana hidhaa turaniif ragaan mirkaneessu akkasumas ragaalee barbaachisoo biroon hatattamaan akka kennamuuf, namoonni hidhaatii gadhiifaman gara jiruusaanii idileetti akka deebi’aniif haalli mijachuu akka qabu komishiniin kun gaafateera.