Baasaasaan Maraatuu Fakkaachuun Lixa Shaggaritti Miliishaa Faannoo Amaaraaf Haala Mijeessaa Ture To’atame!

Baasaasaan Maraatuu Fakkaachuun Lixa Shaggaritti Miliishaa Faannoo Amaaraaf Haala Mijeessaa Ture To’atame!

(SQ-Bitootessa 11,2022)

Basaasaan milishootaa Amaaraa Lixa Shaggar keessa qubachiisuuf haala mijeessuuf bifa maraatummaan bobba’e Lixa Shaggar ona Daannootti qabame.

Bifa maraatummaatiin hojii basaasaa Aanaalee Jibaat, Silkaambaa, Daannoo fi aanaalee ollaa isaanii keessatti hojjechuuf kan bobba’e Bitootessa 8/2022 Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Gasasootti Jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo Humna Furgaatuu Jibaatiin to’atamuudha kan beekame.

Basaasaan kun naannoo Kibbaa keessatti hojjechaa akka ture himuun ergama basaasummaa kan kenneef mootummaa Naannoo Amaaraa akka ta’eefii quba qabeenyummaa mootummaa naannoo Oromiyaatiin akka hojjechaa ture himeera.

Bobbaan isaa kun nama afur ta’anii kallattii kanatti kan bobba’anii fi Naannoo Oromiyaatti milishoota Faannoo naannoo Oromiyaa keessa qubachiisuuf daandii Wal Qixxee irraan gara baha Wallaggaa Silkaambaa keessaan dabarsu qorachuu fi kallattii sanarratti sochii Waraana Bilisummaa Oromoo, bobbaa, baay’ina, gosa meeshaa fi daandii yeroo mara irra socho’an akka hordofuuf dirqama fudhatee bobba’uu hime.

Namni kun maraatu fakkaatee amantii Ortodoksii qabaatus maqaa Adam Musaa jedhamuun socho’aa akka ture barameera.

Kallatti kanatti erga bobba’e ji’a lama kan guute ta’us namoota afur ta’anii akka bobba’an himuun bilbila ‘smart phone’ qabatee qunnamtii godhaa akka ture bira gaa’ameera. Erga dirqamni kun itti kennamee hojii milkaa’aa Kaaba Shaggaritti milishaa Faannoo qubachiisee akka hojjetan kan hime basaasaan kun namoota arfan biroon bifa maraatummaan bobba’an kallattii kamitti akka bobba’an kan hin beekne ta’uu himeera.

Qondaalli Waraana Bilisummaa Oromoo basaasaa kana qorate ergaa dabarsaniin, uummatni Oromoo akka walii galaatti kanneen naannoo Waraanni Bilisummaa Oromoo socho’u jiran addatti namoota fuula haaraa yoo argan Waraana Bilisummaa Oromoos ta’u dabballee Waraana Bilisummaa Oromoo naannoo sanaaf akka gabaasuu qaban dhaamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *