Godina Horro Guduruu Wallagga aanaa Amuruutti gandoonni 16 humnoota shororkeessitootaa Faannootiin qabamuun dhagahame.
(SQ-Hagayya 27,2022)
Haleellaa shororkeessitootni Faannoo hawaasa nagaarratti raawwataniin lubbuun namoota nagaa darbuufi mancaatiin qabeenyaa akkaan ulfaataa ta’e raawwatamaa jira jechuun maddeen keenyi SQtti himan.
Humnoonni shororkeessitootaa Faannoo fi gareewwan hidhatan biroon naannoo Amaaraa godinaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin waldaangessan weeraruun lafoota babal’oo qabataa akka jiran ragaaleen mul’isu.
Godinaaleen Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Kaabaa bakkeewwan weerarri daangaa qindaa’aan itti adeemsifamaa jiru.
Duulli qindaa’aan baballifannaa lafaa giddu galeeffate finxaaleyyii Amaaraa fi humna shororkeessitoota Faannootiin darbees deeggarsa kallattii fi al kallattii naannoo Amaaraatiin daangaawwan Oromiyaa adda addaa irratti erga banamee waggaa tokko caalee jira.
Bakkeewwan haleellaa finxaaleyyii fi shororkeessitoota Faannoo kanaan hedduu miidhamaa jiran keessaa, hawaasni daangaawwan Oromiyaarra jiraatan warra dursaati.
Isaan keessaas Godinaaleen Horro Guduruu Wallaggaa fi Wallagga Bahaa isaan muraasa wayita ta’an, waggaa tokkoo oliif rakkoo keessatti kufanii furmaata dhabanii jiru.
Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaan Amuruu warra rakkoo hamaaf saaxilamanii furmaata dhaban keessaayi.
Hojjetaan hawaasummaa aanaa Amuruu magaalaa Oborrarraa OMN dubbise, sodaa nageenyaaf maqaansaafi sagaleensaa akka hin dubbatamne himachuun, lola finxaaleyyii Amaaraa fi humni shororkeessaa Faannoo qindaa’anii adeemsisan kanaan aanaa Amuruutti waggaa tokkoo as Oromootni dhibba tokkoofi saddeetamii shanitti tilmaamaman lubbuun akka darban hima.
Namoonni mada’aaniifi miidhaa qaamaaf saaxilaman dhibbootaan akka lakka’aman ibsuun, qabeenyi callaafi qabiyyeen lafaa hawaasa gandoota baadiyyaa aanichaa dhibbantaa torbaatamni harka humnoota kanaa keessa jiraachuus maddeen keenyi itti dabaluun nuuf himan.
Gandoota Baadiyyaa 21 aanaan Amuruu bulchaa ture keessaa gandi 16 yeroo ammaa kana harka humnoota kanaa akka jiru eeruun, uummata mitii caasaan mootummaa naannoo Oromiyaallee dhaquu hin danda’uu jedhe.
Lola qinda’aa kanaan guyyaarraa gara guyyaatti lubbuun namaa darbaa akka jiru kan himan maddeen, guyyaa kaleessaa ganda Agamsaafi Goobuu jedhamu keessatti, namni lama kan maqaan isaanii Yabaasaa Toleeraa fi Obbo Gammachuu Nagaasaa jedhaman ajjeefamuufi namoonni kaan ammoo humnoota shororkeessitoota faannoo kanaan butamuus himu.
Lolli aanaa Amuruutti banamee jiru kun lola kaaba biyyattiitti adeemsifamaa jiruun gadi miti kan jedhan maddeen, ajjechaafi saamichi olaanaan geggeeffamaa jiraachuu himanii, lafti bal’aa Oromiyaafi qabeenyi hawaasa Oromoo humnoota kanaan saamamaa jiraachuun akka isaan yaaddesse jabeessanii himaniiru.
Humnoonni shororkeessitoota Faannoo fi finxaaleyyiin Amaaraa kun bakka buufata isaaniitti of kabachiisanii, akka fedhanitti dhukaasaafi jireenya isaanii geggeeffataa jiraachuus itti dabaluun maddeen keenyi nuuf himan.
Godina Horro Guduruu Wallagga aanaa Amuruutti gandoonni 16 humnoota shororkeessitootaa Faannootiin qabamuun dhagahame.
