Obbo Waaqoo Tolaa (19–_1996)
Obbo Waaqoo Tolaa abbaa isaanii Obbo Tolaa Boosoo fi haadha isaanii aadde Nuurituu irraa Godina Wallaggaa Bahaa, Ona Waayyuu Xuqaa, ganda qotee bulaa Garjoo Fittee jedhamutti dhalatanii guddattani. Obbo Waaqoo Tolaa qabsaawaa fi hayyuu Oromoon qabdu keessaa nama tokko turan.
Obbo Waaqoon barnoota isaanii idilee naannoo Naqamtee eega xumuranii booda mana leenjii barsiisotaa seenuun eega xumuranii booda naannoo Horroo Guduruutti ramadamanii barsiisaa turani. Jaalala barnootaaf qabaniif jecha barnoota sadarkaa olaanaa Unversiti Finfinnee sadarkaa Maastretiin barnoota afaaniin (Literature) eega xumaranii booda mana barumsaa dhuunfaa Sandford (Sandford English School) jedhamutti barsiisummaan qacaramnii magaalaa Fininnee naannoo qabbannaa jiru barsiisaa turan.
Galgala Universiitii Finfinneeti dabalataan barsiisaa turani.
Obbo Waaqoon hayyuu fi qaroo Oromoon qabaachaa turte keessaa tokko ture. Nama jaalala uummataa qabu fi fedhii bilisummaa uummata isaa qabu ture. Hirkoo warra harka qalleeyyii nama ture. Seenaan obbo Waaqoo Tolan akka barbaachisaa isaatti gadi ba’ee hin himamne, hin barreeffamne. Hayyuun kun caasaa uummataa keessatti yeroo ABOn mootummaa cehumsaa keessaa ba’e maandhee dhaabichaa ta’anii magaalaa Finfinnee keessatti ramadamanii hojjetaa turanidha.
Obbo Waaqoo hojii isaa idilee barsiisaa oolanii osoo manatti galaa jiranii humni tikaa mootummaa Wayyaanee yeroo sana ture utuu mana hin ga’in boroodhuma mana isaanii Finfinnee naannoo Carqos, Plazaa Hotel jedhamu bara 1996 butanii maa’ikalawii galchani. Mana hidhaa kana keessatti hiraarsa irraan gahameen qabamee ji’a tokko keessatti lubbuun isaanii akka tasaa dabarte. Eega ajjeesanii booda reeffa isaa dhoksuus waan dadhabaniif geessanii hospitaala Minilikitti gatanii, maatii fi lammiin achii fuudhee oowwallate.
Obbo Waaqoo Tolaa garraamii, gara laafessa fi abbaa maatii turani. Haadha manaa isaanii Aadde Astadee Habtee fi ijoollee dhiiraa sadii wajjin jiraachaa turan.
Qabsaayaan ni kufa, qabsoon itti fufa!