Seenaa Qabsaa’aa Jaal Abdiiwaaq Bantii

J/Abdiwaaq Bantii (1974-2023)
Jaal Kaffaaloo Bantii kan maqaan qabsoo “Abdiwaaq Bantii” jedhamu, haadha isaa Aadde Mulunash Muldhataa Birru fi abbaa isaa Bantii Guddatoo irraa godina Wallaggaa Bahaa, Ona Guutoo Giddaa, ganda qotee bulaa Nagaasaa naannoo Tinfaa jedhamutti Amajjii 4, 1974 dhalate.
Jaal Kaffaaloo Bantii yeroo umuriin isaa barnootaaf ga’u achuma bakka dhaloota isaa Tinfaatti 1 – 6 barate, 7 – 10 magaalaa Naqamtee mana barumsaa Fulbaana Lama (Maskarem 2) tti, kutaa 11 fi 12 mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Naqamtee Walii galaa (Naqamtee comprehensive High School)kan jedhamutti barate. Kutaa 12 booda leenjii barsiisota Naqamteetti xumure. Akkuma achii ba’een barsiisaa ta’ee Godinuma Wallaggaa Bahaa, naannoo Billoo Bosheetti barsiisaa ta’ee ramadame.
Utuu hojii barsiisummaa irra jiruu quuqama saba isaa irra ga’aa jiru balaaleffachuun gara qabsoo hidhannootti dabalamee utuu hin turin harka diinaa bu’ee mana hidhaa godinichaa magaalaa Naqamtee Jaatoo jedhamutti hidhamee dararamaa ture. Booda eega achii ba’eee gara barsiisummaa isaatti deebi’ee utuu barsiisaa jiruu ammas shakkanii qabuuf jennaanjalaa miliqe. Dhokatee utuu jiruus mana isaa cabsanii qabeenya isaa eega keessaa saamanii booda gubani. Barbaacha itti fufnaan naannoo Sanaa gadi dhiisee gara magaalaa Finfinneettiduraa miliqe. Achis dhokatee jiraachuuf carraaqqii godhus hin danda’amneef. Sana booda gara biyya Keeniyaatti baqate.
Kaampii baqataa Dadhaab jedhamu keessa wagga ja’aaf ture. Achittis oggumaa isaatiin kan walqabatuuf mooraa baqataa keessatti Engilshii fi Afaan Oromoo hiikuudhaan baqattoota gargaaraa ture. Mooraa baqattootaa irraa gara magaalaa Naayiroobiitti erga jijjiirratee boodas Dhaabbata Mootummoota Gamtaa’anii kan damee baqataaf dhaabbatu (UNHCR) kan magaalaa Naayiroobiitti argamutti afaan Oromoo fi Engilishii hiikaa ture.
Jaal Kaffaaloon carraa biyya sadaffaa argatee biyya Kanaadaa (Canada) dhufee magaalaa Otowaa keessa qubate. Akkuma gara Kanadaa (Canada) dhufeen miseensa ABO konyaa Otowaa ta’uun dirqamaa fi ramaddii dhaabni itti kenne fudhatee ba’ataa ture. Yeroo miseensa konyaa Otowaa turetti barreessaa Konyaa ta’uudhaan baroota dheeraaf tajaajilaa tureera. Akkasumas gargaarsa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsaa fi qooda ol aanaa ba’achaa nama turee fi gumaacha qabsoon barbaaddu mara nama raawwataa turedha.
Waldaa Hawaasa Oromoo Otowaa jiru keessattis dirqama ol aanaa fi gaafatama sabaa hedduu ba’ataa ture. Keessuumattuu yeroo hiriira ba’anii fi miidhaa saba Oromoo biyya keessaatti dararamaa turaniitti roobaa. Cabbii, qorraa fi bokkaa utuu hin jedhin koree ta’uun hiriira qopheessee saba isaaf sagalee ta’aa tureera.
Kanaaf J/Kaffaaloo Bantii qabsaa’aa bilisummaa fi falmaa mirga dhala namaa ta’ee utuu hojjetuu dhibee isa mudateen yeroo gabaabduuf hospitaala Otowaatti waldhaanamaa utuu jiruu lubbuun isaa Caamsaa 03, 2023 Addunyaa kana irra dabartee jirti.
Boqochuu jaal Kaffaaloo Bantii gama qabsoonis ta’ee gama hawaasaatiin qaawwaa nutti baname fi nama jabaa akkanaa of biraa dhabuu keenyatti gudda guddaatu nutti dhaga’ama.
Lubbuun isaa haa boqottu!
Hawaasa Oromoo inni keessaa boqote, firaa, maatii fi jaallewwan isaa maraaf jajjabina haa kennu!
Qabsaawaan ni kufa, qabsoon itti kufa!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *