Waloo Waadaa Geetaachoo humnootni tikaa mana hidhaa keessatti miidhaa irraan gahan

Dargaggoo #Waadaa_Getaachoo baatii tokko dura kan qabame manneen hidhaa adda addaa keessatti dararaa banaan irra gahuun beekame.

Dargaggoo Waadaa Getaachoo walaleessaa fi barreessaa kitaaba #Iyyata jedhu yoo tahu humnoota tikaa PPn Magaalaa Shaggar bakka #Furii jedhamuutii Bitootessa  24 /7/2016  galgala keessa akka sa’aatii Oromoyaatti 1:28pm qabamee guyyoota 2f magaalaa Finfinnee waajjira qorannoo yakkaa poolisii federaalaa Naannoo Caffee Aannaniitti erga hidhamee booda achii baasuun gara baha Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawwaatti iyyaafannoo namootaan kan argame ture.

Dargaggoo Waadaa Geetaachoo Magaalaa Dirree Dhawwaatti torban lamaaf erga dararaa turanii gara magaalaa Finfinneetti deebisuun torban tokkoof magaalaa Finfinneetti bakka maatii fi hiriyyootni isaa isa arganii gaafachuu hin dandeenyetti miidhaa ulfaataa erga irraan gahaa turanii guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 28/2024 ykn 20/2016 Finfinnee irraa gara Magaalaa Dirree Dhawwaatti deebisuun hidhamee jira.

Dargaggoo Waadaan baatii tokkoof magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawwaatti manneen hidhaa garagaraa keessatti yakka tokko malee humnootiin tikaa pp miidhaa ulfaataan irraan gahanii jiru.

Dargaggoo ol adeemaa ilaalcha Siyaasaa irraa bilisa taheen walaloon quuqqaa ummataa fi yaada namoota keessa jiru bifa aartiin kuulee miidiyaa hawaasaa irratti kan lakkisuun beekamu sirni mootummaa Abbaa Irree badii tokko malee dargaggoo ol adeemaa bakka maatii fi hiriyyootni isaa isa arguu hin dandeenye akkasumas ogeessotni seeraa ka’a dubbisuuf rakkatanitti magaalaa Dirree Dhawwaa fi Finfinneetti oliif gadi deddeebisuun dararaa jiru.

yeroo ammaa kana Dargaggoo Waadaa Geetaachoof sagalee ummata isaa akka isa barba fi akka maatiin isaa argee isa dubbisuuf ummatni akka sagalee tahuuf dhaammateera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *