W/lixaa Jaarsootti Tajaajilaa Waldaa dabalatee waraanni pp namoota 5 ajjeesan

 

Wallaggaa Lixaa Jaarsootti Waraanni Bilxiginnaa Tajaajilaa Waldaa Kiristaanaa Tasgaraa Nagaasaa dabalatee namoota nagaa 5 ajjeesun dhaga’ame.

(SQ-Caamsaa 22,2023)

Godina Wallaggaa Lixaa Ona Jaarsoo Magaalaa Gabaa Dafinnotti Caamsaa 20,2023 Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa Tajaajilaa Waldaa Kirstaanaa Makaana Iyyasuus Jaarsoo kan ta’e dargaggoo Tasgaraa Nagaasaa jedhamu dhukkubsatee osoo inni mana maatii isaa ciisu qabun guyyaa guutuu erga reeba oolanii booda caamsaa 20,203 galgala rasaasaa itti roobsanii ajjeesu maddeen SQtti himan.

Tajaajilaa Tasgaraa erga ajjeesanii booda reeffa isaa dhorkachuun guyyaa tokko erga alaa bulchaani booda caamsaa 21,2023 uummanni kadhachuun reeffa fudhanii awwaalaan jedhu maddeen keenya.

Tasgaraan hojii waldaa tajaajiluu irran kan hafe siyaasa keessa qooda oma hin qabu kan jedhan maddeen keenya badii tokko malee nama uummanni jaallatu ajjeesan jechuun miiraa gaddaan nuuf himan.

Oduma Walfakkaatun achuma Ona Jaarsoo ganda Muraa Lakkuu jedhamutti kaleessa Caamsaa 21,2022 Waraanni Bilxiginnaa Obbolaa lama Qajeelaa Nagaasaa Roorroofi Hordofaa Nagaasaa Roorroo jedhaman qe’ee isaanii keessatti rasaasaan reebanii ajjeesu namnni ijan argee SQtti hime.

Obbo Qajeelaa Nagaasaa Abbaa ijoollee 5 yoo ta’u obboleessi isaa Hordofaa Nagaasaa immoo abbaa ijoollee 4tti jedhu maddeen. Obbolaan laman kun badii tokko malee qe’ee isaanii keessatti garaa jabeenya hamaan ajjeefaman kan jedhan maddeen keenya, maatiifi ijoolleen isaanii dirree irratti faca’aanii hafan jedhu.

Ittuma fufuun achuma Ona Jaarsoo ganda Baabboo Garjoo jedhamutti Caamsaa 21,2023 Waraanni PP Dargaggoo Gaaddisaa Abirahamaa Galataa jedhamu mana maatii isa baasnii ajjeesun reeffa isaa dhorkachuu Odeessi SQ qaqqabee ifa godha.

Kana malees nama ammaaf maqaan isaa adda hin banee tokkos waraanni shifta PP daandii konkolaata irratti ajjeesun reeffa uummanni akka hin kaasne dhorkuun reeffi nama ajjeefame sareen nyaatame jedhu maddeen keenya.

Waluma galatti caamsaa 20-21,2023 giddutti waraanni Bilxiginnaa Wallaggaa Lixa Ona Jaarsootti namoota nagaa 5 ajjeesan jedhu maddeen.

Oromiyaa guutuu keessatti ajjeechafi dararaan waraana mootummaa murna Bilxiginnaattin uummata nagaa irratti raawwatu jabaate itti fufee jira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *