Shawaa Bahaa Fi Lixaatti humni qiileensaa Bilxiginnaa Dirooniin uummata nagaa haleele.
(SQ-Sadaasa 7,2022)
Sadaasa 06, 2022 Godina shawaa bahaatti kan argaman Gaarren Fantaallee meeshaa waraanaa guddaa BM fi dirooniin haleelamuu Maddeen SQtti himan. Mootummaan Bilxiginnaa Naannicha irra tajaajila akka Networkii, Baankii, Geejjibaa fi kkf irraa kutuun hawaasi rakkoo hamaa keessa jirachuu gabaasaniiru.
Oduudhuma wal fakkaatuun Sadaasa 05, 2022 waaree booda naannoo saโaa 7:00 irratti shawaa Lixaa aanaa Daannoo ganda Dirree Daannoo bakka Qaallee jedhamutti mootummaan Bilxiginnaa haleellaa xayyaaraa raawwachuun qabeenya uummata irran miidhaa guddaa geesisuu maddeen SQ’f himan.
Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessatti mootummaan Bilxiginnaa haleella qilleensaan uummata ajjeessuu jabeessee itti fufeera.