Koree Bulchinsa Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa

  • MOOTUMMAA CE’UMSAA DURSANII IJAARUUN MAALIIF BARBAACHISE?
Hundeeffama dhaabbata Liigii Biyyootaa (League of Nations) fi Mootummoota Gamtoomanii (UN)tiin duratti biyyoonni addunyaa biyyootaa fi sirna kamuu waliin akkuma fedhanitti wal lolanii mootummaa fi biyya barbaadan cabsanii qabataa turan. Kan humna qabu ummata biyya isaas ta’e biyyoota ollaa fi fagoo akka fedhetti lolee cabsee koloneeffatee bulcha.
Hundeeffama dhaabbilee kanaatiin boodatti garuu haalli kun suuta suuta dhorkamaa dhufeera. Hunda caalaa sirni ykn mootummaan biyya tokkoo daangaa idil-addunyaa qaxxaamuree biyya biraa weeraruun dhorkamaadha. Dhimmoota akkanaa hambisuu fi xiqqeessuu irratti Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii seera idil-addunyaa baasee kan tohatuu fi adda durummaan dhiibbaa kan godhu yommuu tahu bakka seera kanarra darbetti immoo humna waraanaatiin gidduu seenee dhaabsisuuf dirqama qabaata. Tahullee hojiirra oolchuurratti loogii fi addunyaa mara ija walqixaan ilaaluu dhabuun dhaabbaticha keessatti ni mul’ata. Keessumatti immoo biyyoota Afrikaa fi Eeshiyaa keessaa biyyoota baha giddu galeessaa shira siyaasaa fi ilaallcha loogiitiin xaxanii gara fedhii isaaniitti oofuu malee madaala haqaa seera dhaabbatichaatiin hin qajeelchan.
Kana malees imaammata dinagdee, caaseffamaa fi sirna bulchiinsaa adda addaa qabaatanillee biyyoonni addunyaa marti sirna dimokiraasiitiin akka bulaniif mootummaan kamuu filannoo ummataatiin morkattoota isaa mo’atee akka aangoo qabatuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ni dirqisiisa. Biyyoonni Afrikaa fi Eeshiyaa gariin filannoo sobaa, kaan immoo ifatti abbaa irrummaaatiin biyyaa fi ummata isaanii dhiitanii bulchanillee seerri dhaabbata kanaa haala kana hin eeyyamu. Sirni ykn mootummaan tokko aangootti bahuufis ta’e aangoorraa bu’uuf sagalee ummataa ykn filannoo qofaan ta’uu akka qabu seerri idil-addunyaa ni dirqisiisa. Yoo san didee sirni qabsootti jiru tokko sirna aangoorra jiru filannoon alatti fincila ummataa, sochii fi hirmaannaa ummataan ykn afaan qawween kuffiise, akkasumas fonqolcha keessoo yoo godhe, hanga filannoof haalli mijataan uumamee sagalee ummataatiin mootummaan haaraa ijaaramutti sirnoonni morkatoo fi dhaabbileen karaa adda addaatin qabsootti turan walitti dhufanii mootummaa ce’umsaa hundeessuun akka seera idil-addunyaatti dirqama ta’a. Kana gochuu didee, sirni tokko karaa filannootiin alatti humnaan mootummaa tokko jigsee qophaa isaa aangoo qabatee kan itti fufu yoo ta’e biyyoota addunyaa biratti beekamtii (recognition) hin argatu. Biyyoonni addunyaa hariiroo dippiloomaasii waliin hin tolfatan. Qoqqobbiileen garagaraa sadarkaa sadarkaadhaan irra kaa’amu. Dhiibbaan siyaasaa fi waraanaa itti jabaata. Yoo kan itti fufee biyya bulchu ta’ellee dinagdee fi siyaasaaan hongawaa ta’a. Akkuma namni nama malee qophaa isaa jiraachuu hin dandeenye, biyyi osoo biyya biraa irraa waa hin barbaadiin qophaa isheetti of dandeessee jiraatte addaunyaa kanarra hin jirtu. Dippiloomaasii biyyootaa fi dhaabbilee kamuu malee jiraachuun hin danda’amu. Seera idil-addunyaa guutummaattillee ta’uu baatu kanneen murteessoo fi fardii ta’an fudhachuu didnaan sirnaa fi biyyi isaa rakkoo hamaa keessatti kufa. Sirnii fi biyyi sirnichi bulchu addunyaarratti maqaan isaa waan hamaa fi badaadhaan kaafama/waamama. Kunimmoo ummata ofii miidhanii aangoo ofii tursiifachuu yoo ta’e malee kaayyoo gaarii kan ummata ofiif qabaataa turan yoo ta’ellee kaayyicha galmaan ga’uun hin danda’amu jechuudha.
Kanaafuu jaarraa kana keessa mootummaa ykn sirna tokko karaa filannoo hin taaneen aangoorraa yoo buufame mootummaan ce’umsaa dirqama ta’a. Kana gochuuf immoo yommuu sirni aangoorra jiru kufaatiitti dhiyaatu dursanii caasaa bulchiinsa siivilii kan mootummaa ce’umsaa ijaaruun barbaachisaa dha. Caasaan kun sekteraalee waajjiraa irraa hanga ministeerotaatti kan qabatudha.
Fkn: Ministeera eegumsa fayyaa-biiroo eegumsa fayyaa-waajjira eegumsa fayyaa godinaalee fi aanolee- hooggansa hospitaalotaa fi buufataalee fayyaa hanga gandoota baadiyyaatti jiran.
Kan barnootaa, ibsaa, kan bishaanii, qonnaa, faayinaansii, daldalaa, nageenyaa fi sekteraaleen marti sadarkaa biyyaa irraa hanga waajjiraalee aanaatti/gandaatti hooggansaa fi caaseffama qabaachuu qaba. Kana gochuun ammoo yeroo dheeraa fudhata. Qaamni Caasaalee bulchiinsa siivilii kana mara dursee qopheeffate mootummaa fudhatama qabu ijaaruuf ykn gara biyya dimookiraatofte ijaaruutti ce’uuf baayyee hin rakkatu.
Mootummaan ce’umsaa kun yommuu hundeeffamu, yoo dhaaba tokko qofatu sirna sana kuffise tahellee dhaaba ykn paartii tokko qofaan hin hundaa’u. Paartilee xixiqqoo miseensa baayyee fi sochii cimaa hin qabnellee itti dabalanii bulchiinsa waloo (mootummaa ce’umsaa) dhaabu.
Faayidaa dursanii caasaa mootummaa ce’umsaa ijaarrachuu:-
1. Seerdhablummaan osoo hin babal’atiin bulchiinsa jabaataa dhaabuu fi Lammiileen Oromiyaa nagaan bahanii akka galaniif wabii tahuu.
Yeroo sirni tokko kufu caasaalee nageenyaa, bulchiinsonni siivilii marti waan diigamaniif hattootaa fi saamtotaaf dirreen ni bal’ata. Akka feeteedhaan ummata saamuu fi ajjeesuun ni baayyata. Garee aangoo irraa bu’e keessaas ta’e kan aangootti dhufaa jiru keessaa kan maqaa fi dhaaba fedhe himataa ummata saamu, ajjeesuu fi yakkoota garaagaraa raawwatu uumamuu mala. Ummata keessaas gurmaa’ee kan maqaa dhaabaatiin hojii shiftummaa hojjetu uumamuu danda’a. Seeraan wal gaafachuun waan hin jirreef namni kamiyyuu waan qalbiin isaa yaade gochuuf homaa hin sodaatu. Magaalaa fi baadiyyaa keessaa kan barbaade wal ijaaree yakka fedhe raawwachuu danda’a. Kanaaf mootummaan ce’umsaa dafee yoo dhaabbate gaaga’amaa fi seerdhablummaa kana ni hambisa/ni xiqqeessa.
2. Qabeenyi biyyaa fi dhaabbileen mootummaa osoo hin manca’iin akka tajaajila itti fufan taasisa
Mootummaan kamiyyuu kufee kamis yoo aangootti ba’u qabeenyi biyyattii fi tajaajillli dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa itti fufa. Baajatni biyyattii, qabeenyaaleen uumamaa fi namtolchee, biirolee fi waajjiraalee mootummaa fi dhaabbilee garaagaraa mootummaa kufe waliin kufuu ykn baduu hin qaban. Sirnaa fi caasaan biirolee/waajjiraalee keessa hojjetan jijjiiramuu ykn baduu danda’u. Imaammanni isaan achi keessatti hojjetaa turanis jijjiiiramuu danda’a. Garuu mootummaa haaraa dhufuuf waajjiraaleen kun dirqama ni barbaachisu. Yoo gubate ykn manca’ellee baajata biraa baasee ijaaree keessatti hojjeta malee waajjira malee hin hojjetu. Yoo mootummaan ce’umsaa dafee dhaabachuu baate waajjiraaleen, konkolaattonni biirolee, baajanni fi tajaajilli hawaasaa manca’uu malu. Yoo manca’an ammoo mootummaan itti aanu biyyoota addunyaarraa liqeeffateellee yoo ta’e dirqama deebisee ijaaruu qaba. Manneen barnootaa, hospitaalonni, baankiiwwan, pirojektiiwwan bishaanii, daandiin, waajjiraaleen adda addaa yoo manca’an deebisanii ijaaruuf baajata biiliyeenotaan lakkaa’amuufi yeroo dheeraa nama gaafata. Humni namaa ogummaa qabus akkasuma.Hoj-manee fi ba’aa ulfaataa kana ofitti fuudhuurra mootummaa ce’umsaa dhaabuun manca’iinsa kana dursanii hambisuun baayyee barbaachisaadha.
3. Yakkamtoonni sirna aangoorraa bu’e keessa turan osoo hin miliqiin qabee seeratti dhiyeessa.
Mootummaan tokko yeroo karaa filannoo hin taaneen kufu aangawoonni olaanoon ummata cunqursaa, qabeenya saamaa fi yakkoota gurguddoo hojjetaa turan dafanii biyya irraa baqatu. Aangawoonni gara gadii ammoo ragaalee yakka isaanii saaxilu baballeessanii hanga humna isaanii miliquu yaalu. Yakkoonni yeroo sirni duraa aangoorra ture keessa raawwatamaa turan qabatamaatti beekamullee qaamni ykn namoonni yakkicha raawwatan yoo miliqanii badan yeroo mootummaan biraa of ijaarutti qaamni yakkoota sanaaf gaafatamu hin jiraatu jechuudha. Kana malees galmeewwanii fi dookumantoonni ragaalee hojii, abbeentaa fi qabeenya ibsan baduu fi waliin dha’amuu danda’an. Kunimmoo sirni aangootti dhufu hojii isaa eegaluuf isa rakkisa. Yakkoota dalagaman seeraan ykn araaraan (Reconcilation) akka hin xumuramne rarraasee hafa. Ummataanis walitti isa buusuu danda’a. Yakkaa fi yakkamtoota, adeemsaalee hojii fi seeraa, ragaalee qabeenyaa fi hojii kan mul’isu galmee fi dookimantoota tooraan kaa’amanirraa argattee bakka dhaabbaterraa itti fufsiisuuf yoo caasaa bulchiinsa siivilii dursitee ijaartee atattamaan hojiitti seenamuu dandaha. Kanaaf mootummaan ce’umsaa dafee dhaabbachuun murteessaa ta’a.
4. Ummanni akka hin burjaajofne ni gargaara
Yeroo sirni tokko kufutti gareewwan maafiyaa maqaa dhaaba adda addaa himachuun ummata keessatti burjaajjii uumanii fi yakka raawwatan baayyachuu danda’u. Ummanni dhaaba isa dhugaa sanaa fi hooggana isaayyuu wallaaluu danda’a. Caasaan mootummaa ce’umsaa dursee yoo ijaarame immoo kaayyoo, sagantaa siyaasaa fi qajeelfama dhaabichaa haala salphaa ta’een gubbaa hanga gadiitti hubachiisa. Adeemsaa fi qajeelfama bulchiinsaa haaraa dafee barsiisa. Waan ummanni gochuu qabuu fi gochuu hin qabne, wantoota hawaasa afaan faajjessanii fi jeequu danda’an caasaa ijaarametu dursee hubannoo kennaaf. Kanaaf ummanni yaada fakkeessiidhaan dogoggorsuudhaaf itti dhaqu kamiyyuu dursee hubatee ofirraa ittisa.
5. Walitti bu’iinsa ummataa fi lola daangaa hambisa/hir’isa
Mootummaan ce’umsaa yoo dafee ijaarame, harcaatonni siyaasa adda addaa ummata kutaan, gosaa fi amantiin walitti buusuuf carraa hin argatan. Gareen warra aangoo irraa bu’ees ta’e murnoonni kaayyoo diinummaa ummatichaa qaban aangootti deebi’uu ykn faayidaa siyaasaa argachuuf ummata keessatti walitti bu’iinsa uumuu fi lola daangaa kaasuu danda’an. Caasaa mootummaa ce’umsaa jabaataan yoo ijaarame wantoota uumamuu danda’an kanarratti dursee dammaqinaan hojjetee hambisuu ykn hir’isuu danda’a.
6. Tajaajiltoonni hawaasaa/civil servant/n osoo hojii isaaniirraa hin dhaabbatiinii fi ummanni rakkoo tajaajila hawaasaatiin hin miidhamiin hafu
Mootummaan tokko kufee haaraan yommuu aangootti dhufu hanga inni haaraan sun caasaa isaa lafa qabsiifatutti ummanni rakkoo ulfaataa keessatti kufuu danda’a. Hojjettoonni mootummaa miindaa qophaan jiraataniifi maatii isaanii jiraachisan ji’oota baayyeef yoo miindaa dhaban beelaan miidhamuu danda’u. Qorichoonni hospitaalaa fi buufataalee fayyaatti yeroo yeroon hin raabsamu, ogeeyyiin fayyaa miindaa ittiin jiraataniifi ummata yaalan yoo dhaban duuti ummataa baayyee dabala. Magaalonni ibsaa, bishaaniifi geejjiba dhabanii yeroo dheeraaf kan turan yoo ta’e beela, dheebuu fi jiruu hawaasummaatiin hubamu. Barnoonni addaan cita. Tajaajilli seeraa dhabamee yakki babal’ata. Nageenya ummata siivilii ni goolama. Rakkoowwan kana hambisuuf mootummaan ce’umsaa dafee hundaa’ee hojjettoonni mootummaa miindaa isaanii argachaa tajaajila ummataaf kennan osoo addaan hin kutiin itti fufu. Ummanni yaala fayyaa, bishaan dhugaatii, tajaajila ibsaa fi geejjibaa akkuma duraaniitti akkatti fufuuf mootummaan ce’umsaa atattamaan dhaabbachuu barbaachisa. Tajaajila kanneen hundaaf hooggansi siivilii yoo dafee bakka qabatedha. Caasaan bulchiinsa siivilii sadarkaa biyyaa irraa hanga gandaatti tolfamee kanneen duraan hojjetaa jiran itti fufsiisaa, adeemsaan kanneen yakka hojjetan seeratti dhiyeessaa kanneen gahumsa hojii hin qabne keessaa baasaa deeman.
Yeroo mootummaan tokko kufu caasaan bulchiinsa kan diigamu hunda miti. Dhaabbileen/sekteraaleen fi namoonni dhuunfaa yakka saba irratti hin dalagnee fi kanneen ogummaa barataniin hojjetan hojii isaanii itti fufu. Barsiisonni, ogeeyyiin fayyaa, poolisoonni, hojjettoonni baankii, ogeeyyiin qonnaa, abbootiin seeraa, hojjettoonni waajjiraalee adda addaa kanneen yakka Uummata irratti dalaganiin alatti akkuma duraaniitti hojii isaanii kan itti fufan taha. Caasaaleen bifa garaagaraatiin Uummatichaa fi qabeenya Oromiyaa irratti yakka dalagaa turan qoratamuun akkaataa balleessaa isaaniitti seeratti kan dhihaatan ykn sirna araaraa (reconciliation) ummatni karaa adda addaa qooda irraa fudhatuun dhumatuun kan ilaalamu taha.
Haalonni kun hundi sigigaannaa hamaa fi rakkoo walxaxaa dafamee keessaa hin bahamne akka hin fidneef caasaan mootummaa ce’umsaa dursee ijaaramuu fi qophaa’uu qaba. Kanaaf Galgala tokkotti ka’anii mootummaa dimookiraatofte ijaaruun waan hin danda’amneef MCBNO utubuu fi deggeruun baayyee barbaachisaa taha.

Injifannoon Lammiilee Oromiyaaf!

KMCBNO

Sadaasa 2022

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *