๐๐ฎโ๐๐๐ง ๐๐จ๐ช๐จ๐๐ก๐ฎ๐ฎ ๐๐จ๐ค๐ญ๐จ๐จ๐ซ๐ ๐๐๐๐๐ฃ๐๐ ๐๐ซ๐ญ.๐๐ฅ๐ข๐ข ๐๐ข๐ซ๐ซ๐๐ ๐ข๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐ก๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐๐ฌ๐ ๐๐๐
Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fi haadha isaa Faaxumaa Alii irraa Xaaliyaanii biyya teenya keeysaa bahee bara torbaa, Caamsa 26, bara 1948 magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Kaabaa kan gaara Ganda Qoree duubaan jiru jalatti arkamutti nama dhalate.
Aliin akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa kan maqaa Madrasa Jadiidaatti beekkamu, kan Ganda Laga-Harreetti karaa oliin arkamutti galmeeffame. Achitti hamma hulaa shanii eega barate booda, mana barnootaa gaafasitti maqaa Lu’ul Makoonnin qabaachaa ture, kan Gaziiraa keessatti arkamu geeyfamee, hulaa 6ffaa xumure. San booda, Aliin fedhii gama kanaan barnoota itti fufuu dhabuu waan hubateef, abbaan, madrasaa Arabii Ustaad Gubee kan gaara Ganda Qabri-Joollee gubbaa naqe.
Aliin barnoota Madrasaa Ustaad Gebeetti kennamu yaroo gabaabduu keessatti fixee, achumatti barsiisummaan mindaawee Ustaad Alii moggaafame. Isaa haala kana keeysa jiru, sossoohinsi Afran Qalloo kan guddina Afaanii fii Aadaa Oromootiif bu’uura tahe Dirree Dhawaa keessatti jalqabe.
Ali, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaa tan kaa’imman umriin warra Urjii Bakkalchaatii gaditti makamee odoo xiqqollee hin turin, dandeeytii yadaloo wallee baafachuu fi wallisuuf qabuun Urjii Bakkalchaatiin fudhatamee, Iida Ramadaanaa kan Gurraandhala 25, bara 1963 dooyaa gubbaatti bahee, sagalee isaa bareedduu fi alalaasa miidhagaan wallee, “Birraa dhaa barihee, jettu wallisuun, daawwattoota if wallaalchise.
Bara 1982 keeysa, odoo Raas Hoteelitti wallisuu, Aliin dubartii Birgiittaa Astroom ja’amtu, tan barreessituu safaaraa Suwiidin taate waliin wal baree fuudhe. Bara 1984 keeysa ramaddii hujii biyya Xoophiyaa raawwattee hoggaa Amerikaatti jijjiiramtu, Aliinis lammummaa biyya Suwiidin fudhatee, niitii isaa waliin, magaalaa Kaalifoorniyaa tan biyya Amerikaa dhaqe.
Bara 1984 irraa kaasee hamma 1992 Alii fi Birgiittaan huji fi salaloof biyyoota Amerikaa Kaabaa, Awrooppaa fi Aasiyaa keeysa daddeeman. Bara 1992 jalqabee biyya Kanadaa magaalaa Torontoo keessa qubatee jiraachaa ture.
Bara 2004 keeysa sadoo biyya namaa irra rakkoo biyya isaa filachuun, jiruu biyya ambaa tan waggoota 20 booda Oromiyatti deebi’e. Akka achi gayeenis, gorsa abbaa isaa kan barnootatti jabaadhuu, kan inni irraa hamilee cabse, hadhaadhiyyuuf karoorfate. Karoora kanaan, hiyyeeyyii naannoo Ija Aannannii tan naannoo Dirree Dhawaa, warra hiree barnootaatiin wal arkuu hin dandeenyeef mana barnoota sadarkaa duraa banee carraa barachuutiin walitti baase.
Alii Birraa, akkuma nama Dirree Dhawaa keeysatti dhalatee guddateetti Afaan Oromoo biratti, kan Arabaa, Amaaraa, Soomaalee fi Adaree qaceellootti dubbata. San boodaas, kan Suwidinii fi Ingilizii itti dabalate. Afaanota alagaa keeysaa kan Arabaa, Soomaalee fi Adareetti walleelee seena qabeessa tahan, kanneen akkuma gaafa bahaniitti yoomuu jaalataman hedduu wallise.
Seenaan Alii Birraa, barruu gabaabduu tanatti waan shalagamu miti. Aliin afaan, aadaa, biyya, seenaa fi qabsoo Oromoo irratti walleeleen wallise hedduu, tan irraa himanii fi dhiisan keeysaa filuun haalaan nama rakkisa.
Wareega godheen kan wal madaalu tahuullee baatu, Aliin, gumaata guddina afaan, aadaa fi wallee Oromootiif godheef waldayoota hawaasa Oromoo hedduu irraa badhaasa beekkamtii hujii umrii guutuu badhaafamee jira. Hujuma isaa tana irraa ka’uun, Universitiin Jimmaa Digrii Kabajaa Doktorummaa kenneefii jira. Jaarmayni Muuzik Afrik ja’amu kan biyya Kanadaa, magaala Torontoo qooda Artii Afrikaatiif gumaacheef Badhaasa Beekkamtii Hujii kenneefii jira.
Aliin, akkuma “Birraa dhaan Barihe” jeโee jalqabetti, walleelee mimmiidhagoo ammayyaa 300 ol hawaasa Oromootiif, guddinaa fi waaltina Afaan Oromootiif gumaacha daaddaa hin qabne godhee, Sadaasa 06, bara 2022, umrii 74tti bakka kan dhalate irraa hin deebinetti lammii isaa kan akkaan jaalatu dhiisee sokke.Aliin, bilisummaa ummata Oromoo tan jaalala isii bifa addaatti ibse odoo goolabbii isii hin arkin biraa deemullee, walleelee isaa kanneen yaroon moofeysuuf hin jiraanneen dhalootaa dhalootatti boharsuuf jiraata. Seenaan isaatis isaanuma waliin dhaloota irraa dhalootatti dabra.
Dhuma irratti ABOn duโaan boqochuu Doktoora Kabajaa Art.Alii Birraatti gadda guddaa itti dhagaโame ibsaa, lubbuu isaa jannataan haa qananiisu jedha. Maatii, firoota, hiriyootaa fi waliigalatti ammoo ummata Oromoof jajjabina hawwa.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Sadaasa 07,2022
Finfinnee