Oromiyaa kutaalee adda addaatti Amajjii irraa eegaluun haga Adooleessaatti waraanni mootummaa Bilxiginnaa uummata nagaa 151 ol hidhe.

Oromiyaa kutaalee adda addaatti Amajjii irraa eegaluun haga Adooleessaatti waraanni mootummaa Bilxiginnaa uummata nagaa 151 ol hidhe.

(SQ-Hagayya 1,2022)

Mootummaan Bilxiginnaa Badii tokko malee Oromummaa qofaan yakkuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turreerra.

Haaluma kanaan Daataan namoota kutaalee Oromiyaa garaa garaa irraa mootummaa Bilxiginnaatiin hidhamanii jiran ibsu akka mul’isutti, namoonni hidhamanii jiran 151 ol ta’uu agarsiisa.

Namoonni Daataan isaanii eeramee kunneen kan maqaa fi bakki itti hidhaman adda baafame yoo ta’u, namoonni bakki itti hidhamanii fi maqaan isaanii adda hin baane hedduu ta’uus akeeka.

Dararaan mootummaa Bilxiginnaatiin saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti geggeeffamaa jiru akka malee jabaatee kan itti fufee yoo ta’u daataan namoota hidhaman kunneenni ibsu kun namoonni Oromiyaa keessatti hidhamani jiran hangam ta’u danda’u kan jedhu kan akeekudha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *