Godina Shawaa Kaabaa Salaalee aanaa Kuyyuutti humnoota mootummaatiin dararaan uummata irra gahaa jiraachuun ibsame.
(SQ-Adoolessa 30,2022)
Akka jiraattonni SQtti himanitti, ganda Dhaayee Dibbeetti hidhaa fi ajjeechaa dabalatee dararaan adda addaa humnoota mootummaatiin ummata nagayaa irra gahaa jiru hammaatee jira.
Humnoonni mootummaan bilxiginnaa maqaa gaachana sirnaa jedhuun bobbaase ummata gandichaa irraa qabeenya saamuu, manneen jiraattotaa gubuu, namoota nagayaa hidhuu fi kaanis ajjeesaa jiraachuu jiraattonni ni dubbatu
Ummanni dararaa humnoota kanneenii dadhabe lubbuu ofii baafachuuf qeโee fi qabeenya gad dhiisee baqataa jirra jedhan.
Godina Shawaa Kaabaa Salaalee aanaa Kuyyuutti humnoota mootummaatiin dararaan uummata irra gahaa jiraachuun ibsame.
