Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanota Jaardagaa jaartee fi Horroo Bulluq keessatti waraanni pp uummata nagaa ajjeese.

Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanota Jaardagaa jaartee fi Horroo Bulluq keessatti waraanni pp uummata nagaa ajjeese.

(SQ-Adoolessa 31,2022)

Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa jaardagaa jaartee Ganda Ejersa Maccaa keessatti Guyyaa kaleessaa Jechuun Adooleessa 30,2022 Manguddoo umurii 75 nii dabalatee namoota nagaa 5 waraanni pp jumulaan ajjeese.sababa Networkiin naannoo sana hin jirreef maqaa namoota ajjeefamanii argachuu hin dandeenye.ammaaf kan maqaa Arganne keessaa.
1.Obbo Asaffaa Dheeressaa Manguddoo umurii 75 mana isaa deemuun situ Shanee nyaachisa jechuun raasasa itti roobsuun ajjeesan.

Oduudhuma wal fakkaatuun Godinuma kana Aanaa Horroo Bulluq Ganda Haroo Aagaa keessatti uummata nagaa sababa maqaa balleessii isin shanee nyaachistu jechuun namoota 4 jumulaan waraanni shiftaa pp ajjeese.

Ammaaf kan maqaa Arganne keessa. 1,Addunyaa Shiikkoo Jiraataa Ganda Haroo Aagaa.
Sababa networkiin naannoo sana hin jiraanneef maqaa namoota ajjeefamanii argachuu dandeenye.kanaaf maqaa namoota ajjeefamanii akkuma arganneen isinii maxxansina.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *