Hongee waggoota 40 as mul’atee hin beekne Itoophiyaa mudateen gaaga’amni guddaan qaqqabuu UNOCHA’n beeksise.

Hongee waggoota 40 as mul’atee hin beekne Itoophiyaa mudateen gaaga’amni guddaan qaqqabuu UNOCHA’n beeksise.

(SQ-Sadaasa 10,2022)

UNOCHA’n dhugaawwan lafarra jiran kan hongeen walqabatan jechuun maxxanseen hongeen kun waggoota 40n darbanii as isa hamaa dha jedha. Namoonni miliyoona 17 kan sababa kanaan miidhaman kan gargaarsi maluuf adda baafamanii jiru jedha. Akkasuma Beeyldadni miliyoona 4 dhumuu ibsa.

Naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti weerarri Koleeraa sababa kanaan ka’ee jira. Daa’imman kichuun waggaa 5 gadii miliyoona 3.6 ta’an, haawwan ulfaa fi harma hoosisan nyaata madaalawaa barbaadu jedha Jaarmiyaan gargaarsa namoomaa dhaabbatichaa Dameen Itoophiyaa odeessa waytaawaa hongee Itoophiyaa irratti baaseen.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *