‘Mucaan baadiyyaa pirezidantii Keeniyaa tahe’ jedhan Wiiliyaam Ruutoo

(SQ-Fulbaana 13,2022)

Wiiliyaam Samoyii Ruutoon pirezdaantii Keeniyaa Shanaffaa ta’uun sirna kakuu seenuu gaggeeffameen har’a muudamaniiru.

Har’a pirezidantii duraanii kan ta’an Uhuuruu Keeniyaataan sirnicha irratti argamuun heera biyyattii fi mallattoo isaanii kan tahe goraadee dabarsuun harka pirezidaanti Wiiliyaam Ruutootti kennaniiru.

Ruutoon pirezidantii biyyattii akkuma tahaniin ajajaa olaanaa humna waraanaa Keeniyaas tahan jechuudha.Sirna kana irratti hoggantootni biyyoota 20 oliifi bakka bu’ootni biyyoota hedduu argamaniiru.

Wiiliyaam Ruutoon keessummootni isaanii ergaa akka dabarsan osoo hin affeeriin dura injifannoo isaaniif Waaqa galateeffatan.

‘’Ayyaana waaqayyoon as geenye. Yeroon kun akka yeroo kaanii miti. Bakka kana dhaabbachuun Waaqayyoo teessoo isaa irra jiraachuu isaaf dhugaa bahumsadha. Mucaan baadiyyaa tokko pirezidaantii Keeniyaa tahuu isaaf Waaqayyoo jiraachuuf ragaadha.’’

Ruutoon dimokiraasii biyyattii irratti hojii guddaatu hojjetame jechuun komishinii biyyaalessaa biyyattiis galateeffatan.

Keeniyaan biyyoota kaaniifis fakkeenya tahuu akka dandeessu eeruun bulchiinsi isaanii guddina dimokiraasii biyyattiif kana caalaa akka hojjetu himan.

Dubartootni torba bulchitoota tahuun akka filataman himanii 29 ammoo mana maree biyyattiis filatamuun dubartoota haala gaariin hirmaachisuu dubbatan.

‘’Filannoo kana irratti kan mo’ate uummata Keeniyaati,’’ kan jedhan Ruutoon hoogganaa komishinii filannoo biyyattii (IEBC) Wafulaa Chebukaatii galateeffatan.

Murtoo abbootiin seeraa mana murtii waliigalaa biyyattii dabarsanis jajaniiru. Dhaabbilee haqaa biyyattii cimsuuf akka hojjetan kan himan pirezidant Ruutoon abbootii seeraa jaha waggaa sadii dura filaman har’a sa’a booda mana murtii ol iyyannootti akka muudan ibsan.

Baajata mana murtiis waggaan shilingi biliyoona sadiin waggoota shaniif akka dabalaa deeman himan.

Dabalataan baajata poolisii biyyaalessaa dabaluun akka of danda’an gochuuf akka hojjetan himan.”Baajataan of danda’uun isaanii akka isaan malaammaltummaa irratti qabsaa’an taasisa” jedhan.

Qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi hojii dhabdummaa irratti jabeessanii akka hojjetan waadaa galan.

Pirezidaantiin Yugaandaa Yuwerii Museeveenii keesummoota argaman keessaa tokko yoo tahan, walitti hidhaminsa dingadee biyyoota Baha Afrikaaf akka hojjetan himaniiru.

Itti aanaan pirezidaantii Keeniyaa Rigaatii Gachaguwaa ‘’amma yeroon doorsifamuu darbeera’’ jedhan.Bulchiinsa Uhuuruu Keeniyaataa qeequu irratti kan xiyyeeffate dubbiin isaanii kun amma ‘bilisummaan dhufeera’’ jedhan.

Dabalataan siyaasa keessatti yakka akka ‘’meeshaa haqaatti’’ akka hin fayyadamne waadaa nuuf galteetta, jechuun waa’ee Wiiliyaam Ruutoo dubbatan. Kana dura hiriyaa Wiiliyaam Ruutoo tahuun ‘’yakkamaa’’ nama taasisa ture jedhan.

Humna tikaa mootummaa kana booda namoota biizinesii fi siyaasaa adamsuun hin hafa jedhan. Gachaguwaan uummanni Keeniyaa jabaatanii hojjechuun dingadee biyyattii guddisuu qabu jedhan.

Wiiliyaam Ruutoon erga biyyattiin kolonii Biriiten jalaa bilisa baatee pirezidaantii shanaffaa Keeniyaa tahuun waggoota shanan dhufaniif tajaajilu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *