Mariin Araraa WBO fi Mootummaa Itiyoopiyaa gidduutti adeemaa ture amma adda cituu beekame.

 

Marii Araaraa WBO Wajjinii adda Citee jiraachuu Mootummaan Itiyoophiyaa beeksise.

Mariin Araaraa Waraana Bilisummaa Oromoo wajjin taasifamu Akka Dhaabate Mootummaan Itoophiyaa har’a Beeksiseera.

Ministiriin haajaa alaa Itoophiyaa haala yoroo irratti har’a ibsa kenneen, mariin araaraa WBO wajjin eegalamee ture marroon itti aanu addaa cituusaa beeksiseera. Dubbii himaan ministeerichaafi ibsa kana kan kennan ambaasaaddar Melles Alem, mariin nagaa buusuu mootummaa federaalaafi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduu bakka amma jirutti dhaabbateera jedhani. Mariin suni yoo kan deebi’ee eergalamu ta’e mootummaan ifatti sabaa himaaleefi dhimmichi warra ilaallatuuf akka beeksisu ambaasaaddar Mallas Alem ibsa haala yoroo kan torbanii wayita kennan dubbataniiru.
Bakkuma amma jirutti adda citeera jedhani malee sabaaab ifatti kan kaahan hin jiru.

Waraanni Bilisummaa Oromoos gamsaatiin karaa tiwitera dubbii himaasaa Odaa Tarbiitiin mariin mootummaa Itoophiyaa wajjin deebi’ee eegalamuuf kan karoorfameeru homaa hin jiruu jedheera.

Kanaan dura garee marihatan lamaanirraafi karaa IGAD’tiin mariin nagaa buusuu marsaan duraa wal-hubannoo gaariin waan xumurameefi marroon itti aanu akka jiraatu ibsuun isaanii ni yaadatama. Maddi oduu Indiyaan Oshin jedhamu gareen lamaan Dilbta dabre walitti deebi’uuf jiru jedhee gabaasee ture.
Erga marii isa jalaqabaati ideebi’anii mootummaafi WBO lola guddaa gaggeessaa akka jiran bal’inaan dubbatamaa jira. WBO muutummaatu nagaa jibbee lola narraatti baneera jedhee wayita himatu, mootummaan ammoo hojii olaantumma seeraa kabachiisuufi nagaa buusuuttan jiraa jedha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *