kaaba oromiyaa godina saba Oromoo Jiillee Dhummuuggaatti lola banameen lubbuun ilmaan Oromoo hedduun darbee / qabeenyis gubaachuun dhaga’ame.

kaaba oromiyaa godina saba Oromoo Jiillee Dhummuuggaatti lola banameen lubbuun ilmaan Oromoo hedduun darbee / qabeenyis gubaachuun dhaga’ame.

(SQ-Amajjii 24,2023)

Walitti bu’insa Godina Addaa Saba Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuuggaatti mudateen lubbuun namootaa darbuufi qabeenyi manca’uun jiraattotiifi qondaalli mootummaa BBC’tti himan.

waliitti bu’insa kanaf sababni immoo Sambata darbe humni addaa naannoo Amaaraa haleellaa dargaggoota Oromoo torba jimaa qama’aa turan irratti geggeessaniin dargaagoonnii torbanu ajjeefamuun beeekamera.

Gaman kaanin walitti bu’insa kana hordofee hanga ammatti bakkoota akka warra Abboo, walakkoo , Garbii dirree galmaa , Garbii Mudhii Waaccuu, Goodaa, Balcii, Wasan Qurqur keessatti ilmaan Oromoo 39 ajjeefamaniru.

Gama biraan bulchaan godinichaa Obbo Ahimad Alliyyi haleellaa kanan namoonni 7 ajjeefamu , hedduun akka miidhamaanii fi Araddaan hedduun akka gubate himanii/ kana malees kanneen miidhaman adda baasaanii akka hin beekne bbctti dubbataniru.

Kana dura irra deddeebiin hawaasi godinichaa humna addaa naannoo Amaaraan yeroo adda addaatti sababa eenyummaa isaanittin hidhaamaa fi dararamaa akka turan himani turun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *