Deeggarsa uummata Booranaatiif taasifamu qaamni mootummaa gidduu seenee danqaa uumaa jiraachuun himame.
02/03/2023
Balaa hongeetiin uummanni Booranaa balaaf saaxilamee lubbuunsaa gaaga’amaa kan jiru karaa adda addaatiin uummanni birmateefi deeggarsa taasisaa jira.
Haata’u malee, PPn “karaakoo malee deeggarsa gochuu hin dandeessani” jedhee ibsa baasuu irratti argama. Kanaafis lakkoofsa herregaa kan ofiisaa beeksisuudhaan namoonni haga ammaatti deeggarsa walitti qaban gara lakkoofsa herregaa PP kanatti akka galchan gaafataa jira.
Haalli kun amanamummaa PPn uummata biraa qabu xiqqaa ta’uurraa uummanni deeggarsa taasisaa jiru shakkii keessa seeneera. PPn uummata kana qaqqabsiisuu irratti shakkii guddaatu jira.
Sababni isaas, PPn beela uummata musate kanaafuu beekamtii dhorkachuudhaan, “beelli haga jedhamu miti, to’annoo mootummaa ala hin taane” jechuudhaan itti aanaan perezedaantii Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii dubbachuusaati.