Wallaggaa keessatti Daa’imman dabalatee ummatni haala hamaan buqqa’aa jira.
Sagalee Qeerroo- Mudde 3/2022
Godina wallaggaa bahaa aanota akka kiraamuu fi Guttin keessatti lolli guddaan weerartoota naannoo amaaraan Oromiyaa humnaan qabachuuf godhaniin banameen lolli guddaan kan gaggeeffamaa jiru yoo tahu lubbuun namoota nagaa hedduun badee jira.
Lola kana irratti ummatni waan qabuun of irraa qolachuuf yaaliin goosisaa jiru humna isaa ol tahus humni addaa oromiyaa warreen aantummaa sabaa qaban weerara kana ummata irraa qolachuuf ummata waliin wareegama ulfaataa kaffalaa akka jiranis jiraattota irraa beekuun dandahamee jira.
Lolli daangaa Oromiyaa weeraruuf finxaaleyyii amaaraan mootummaa naannichaan deeggaramee gaggeeffamaa jiru godina wallaggaa baha afi Horroo Guduruu keessa dabalatee baha Oromiyaa aanaa Boosat irratti banamee akka jiru beekuun dandahamee jira.
Ummatni Oromoo yeroo ammaa ajjeechaa lammiilee naga airratti raawwatamuuf bakka jiruu dirmachuu yoo baate guyyootni itti aanan lubbuu lammiilee nagaa dabalatee Oromiyaa weeraruuf yaaliin finxaaleyyiin godhan hammaataa tahaa jira.
Barattootni Oromoo yuuniversiitiilee adda addaa keessa jiran waamicha waliif gochuun ummata buqqa’uuf sagalee tahuu qabuun dhaamsa keenya.
https://t.me/hordofaa