๐๐๐๐ข ๐๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐จ๐จ ๐๐๐๐ฅ ๐๐ ๐๐ก๐ข๐๐๐ ๐ ๐ข ๐๐๐๐ฅ๐ ๐๐๐๐๐๐ญ๐๐ฆ๐ง๐ข ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐ข๐ง ๐๐ก๐๐ ๐โ๐๐ฆ๐ง๐๐๐ง ๐๐๐ค๐ค๐ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ญ๐ ๐๐ข๐ฏ๐ข๐ข๐ฅ๐ข๐ข ๐๐ซ๐ซ๐๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐ฐ๐ฐ๐๐ญ๐๐ฆ๐๐ ๐๐ข๐ซ๐ฎ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ฌ ๐๐๐๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐๐ฅ๐๐๐๐๐ญ๐
Ijoo Dubbii ABO โ Mudde 03,2022
Mootummaan Paartii Biltsiginnaa ummata nagaa irratti Boombii roobsuu fi humna lafoon dhumaatii suukanneessaa dhaqqabsiisuu itti fufeera. Walakkeessa jiโa Onkoloolessaa irraa jalqabee hanga harโaatti duula WBO dhabamsiisuu jedhuun goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti haleellaa xayyaaraa fudhataa jiruun lammiilee nagaa dhibboota hedduu galaafatee jira.
Harโas ummatni siviiliin dafqee jiraatu, hojii isaa malee hidhatnoo waraanaa hin qabne, manaa fi ooyiruu isaa keessatti, bakka waaqeffannaatti, iddoo walgahiitti, manneen barnootaa fi kkf keessatti boombii samii irraan roobsamuun dhibbootaan dhumataa jira.
Mudde 02,2022 guyyaa kaleessaas Giddu-galeessa Oromiyaa, Godina Kaaba Shaggar Salaale, Onoota Warra Jaarsoo fi Kuyyuu keessatti xayyaarotni waraanaa sirna mootummaa Biltsiginnaa WBO rukutuu kan jedhuun irra deddeebiidhaan qeโee ummataa keessatti haleellaa raawwataniin ummatni siviiliin dhibbootaan lakkaโamu ajjeesamuu fi hedduun madaaโuu odeessi qabatamaan ummata keessaa argame ni ifoomsa.
Ona Warra Jaarsoo magaala xiqqoo baadiyaa keessatti argamtu Faajjii Ejersaa jedhamtu irratti haleellaan xiyyaaraa raawwatame lammiilee nagaa hedduu galaafate. Akka odeessa kanaatti yo xiqqaate namootni 80 ol taโan duโaniiru; baayโeen madaaโaniiru. Maatii tokko keessaa namootni 6 walfaana akka dhumatanis dhagaโameera.
Kanneen boombii xayyaara mootummaa Biltsiginnaan dhumatan kunniin ummata nagaa hojjetatuuf manaa baโe, qonnaan bultoota, barattoota mana barumsaa galaa turanii fi kanneen mana booโichaa deemaa turan akka taโan beekuun dandaโameera. Haleellaa kanaan kanneen madaaโanii qaamaa hirโatanis lakkoobsaan baayโee dha.
Haleellaan xayyaaraa Ona Kuyyuu irratti rawwwatames balโaa, namootni baayโeen dhumatuu fi madaaโuu odeessi ummataa ni hubachiisa. Xayyaarotni waraanaa (MIG) mootummaa Biltsiginnaa yeroo 4f Kuyyuu araddoota Uyyee Cabaree fi Qarree Taaโaa irratti boombii roobsan. Balโinni haleellaa raawwatamee kun ganda tokko guutuutti barbadeessuu akka taโe ogeeyyotni ni hubachiisu.
Miidhaan dhaqqabe hin beekamin malee, Mudde 01,2022ttis Lixa Oromiyaa, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Guduruu Gabatee irrattis mootummaan Biltsiginnaa haleellaa samii irraan raawwatuu jiraattotni ifa godhaniiru. Miidhaa qaqqabe hubatuuf sararri cufaa waan taheef hubatuun rakkisaa tahus suukanneessaa fi hedduu akka tahe himama.
Haleellaa xayyaaraan alattis mootummaan paartii Biltsiginnaa, Godinoota Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti nagaa fi qabbanni buโee ummatni nagaan hojjetatee akka hin jiraanne gochuun, lammiileen Oromoo guyyuu jumlaan akka ajjeesaman, kumootaan qeโee ofii irraa akka buqqaโan, qabeenyii fi manneen ummataa akka barbadaawu gochuu itti fufeera.
Murni goolessituu Faannoo, miliishaan/humni addaa naannoo Amaaraa fi waraanni ittisa biyyaa malootaa fi tooftaalee garagaraan qindoomina waloo tolfataniin Baha Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti ummata Oromoo irratti yakka waraanaa raawwatuu itti fufanii jiran. Isa fagoo dhiisnee ajjechaan jumlaa Sadaasa 29,2022 Kiiramuutti taโe kanaaf ragaa guddaa dha.
Walumaagalatti golgaa WBO balโeessuu jedhuun mootummaan federaalaa paartii Biltsiginnaan durfamu ummata nagaa qeโee isaa keessatti xayyaara lolaa fi waraana humna lafoon fixaa jiru, ABOn akkuma arma duraa ammas gocha kana jabeessee balaaleffat; ummatas hubachiisa.
Mootummaan kun karaan qabatee jiru kan yaakkaa, dhiigi ummata nan bulcha jedhuu akka bishaanii gadi naqaa jiru kun kan isa gaafachiisu taโuu hubachiisa. Rakkoo siyaasaa humna waraanaan furuuf yaaluun, ummata nagaa boombiin haleeluun muddama jiru daran yoo hammeesse malee furmaata fidu kan hin qabne taโuun harโas ejjennaa ABO ti.Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n dhuma irratti, mootummaan Biltsiginnaa ummata nagaa irratti boombii roobsuu fi waraanaan dhumaatii jumlaa lammiilee Oromiyaa irratti raawwatu akka dhaabu gadi jabeessee hubachiisaa, hawaasni addunyaa, kanneen mirga dhala namaaf falmanii fi naga jaalโattootni hundi mootummaan kun duguuggaa sanyii raawwataa jiru akka dhaabuuf dhiibbaa gama isaanii akka godhan irra deddeebiin gaafata.
Injifannoo Ummata Balโaaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 03,2022
Finfinnee