ABO’n ajjeechaa sukkanneessaa Hogganoota isaa irratti raawwatamu cimaee balaaleffata.

ABO’n ajjeechaa sukkanneessaa Hogganoota isaa irratti raawwatamu cimaee balaaleffata.

 

Ajjeechaa Miseensa GS-ABO Jaal Moo’ibon Baqqalaa irratti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Onkololessa 13,2022

Ajjeechaan garajabinaa lammiilee nagaa irratti raawwatamu sadarkaa hamaa irra gahee jira. Onkololessa 12,2022 namoonni hidhatan Moo’ibon Baqqalaa magaalaa Buraayyuu mana isaa fuulduratti rasaasan rukutan. Moo’ibon gara hoospitaala geeffamus lubbuun oolu hin dandeenye. Ni wareegame.

Moo’ibon Baqqalaa dargaggeessa qaroo fi miseensa GS-ABO, jireenya isaa guutuu qabsoo Oromootiif kennee dha. Sirna ADWUI/EPRDF keessa mana hidhaa Ma’aakalawiitti waggoota hedduuf hidhamee dararamaa ture. Sirna ammaa jalattis baatileef hidhamee dararaa cimaan irra gahee jira. Matiin isaas humnoota nageenyaa mootummaatiin gidirfamaa fi sodaachifamaa turan.

Wareegamu dargaggoo qaroo fi qaama hoggana isaa kanaan ABOtti gadda cimaatu itti dhagahama. Maatii isaa, jaallan isaa fi ummata Oromoo bal’aaf jajjabina hawwina.

Hoggantootaa fi miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi ummata Oromoof wareegamni kam iyyuu haaraa ta’uu baaatus, waanti kaayyoo qabsoo galmaan ga’uu irraa nu deebisu akka hin jirre mirkaneessuu barbaanna.

Mo’iboon Baqqalaa kabajaan jaallan isaa qabsoo keessatti wareegamanitti makameera. Jaalalli, Kabajnii fi Yaadannoon Wareegamtoota kaayyoo kanaaf lubbuu kennaniif haa ta’u.

Ajjeechaa Mo’iboon irratti raawwatame, akkasumas Oromoota nagaa biroo, darbees ummatoota Itoophiyaa gara laafina tokko malee ajjeefaman ni balaaleffanna. Jaarmiyaan mirga namoomaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu kan naannoo fi addunyaa, qorannoon walaba ta’e akka gaggeeffamu cimsinee gaafanna.

Qabsa’aan Ni Kufa! Qabsoon Itti Fufa!

Injifannoon Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Onkololessa 13, 2022
Finfinnee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *