Qondaalonni ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi Jaal Gadaa Gabbisaa Dhibee Fakkaataa Jaal Battee Urgeessaa Ittiin Dhukkubsataa Jiruun Qabamuun Isaanii Himame
(SQ – Bitootessa 15,2022)
Miseensi Gumii Sabaa ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi Qondaalli Siyaasaa ABO Jaal Gadaa Gabbisaa gosa dhibee Tiruu “Hepatitis_B” jedhamu kan Jaal Battee Urgeessaa ittiin dhukkubsatee hospitaala ciisaa jiru irratti argamuu doktoorri isaan qorate mirkaneessuufii maatiin isaanii himaniiru.
Jaal Kennasaa fi Jaal Gadaan dhibee kanaan qabamanii jiraachuu isaanii kan of irratti hin beekne yoo ta’u, Bitootessa 14,2022 dhukkubsatanii wayta mana waldhaansaa geessaman dhibeen kun irratti argamuu dha kan maatiin doktoora isaan qorate irraa hubatan.
Dhibeen kun daddaffiin yo hin waldhaanamne daran jabaataa fi hammaachaa kan deemu waan ta’eef, yeroon yo hin waldhaanne lubbuuf kan sodaachisu ta’uunis ibsameera.
Jaal Mika’el Booran, Jaal Gadaa Oljirraa fi Jaal Lammii Beenyaa dhibee kanaan qabamuu fi dhiisuu isaanii ammatti waan beekame hin jiru.

