Miseensonni Gamtaa Paartilee Mormitoota(Caucus of Opposition Parties) Waajjira Imbaasii UK(United Kingdom) Finfinnee Jiruutti Gaafatamtoota Biyyoota Adda addaa Waliin Walgahii Gaggeeffatan.
(SQ-Adoolessa 20,2022)
Walgahiin kun Adoolessa 19, 22022 teessoo Gamtaa Afrikaa fi magaalaa guddittii Oromiyaa, Finfinneetti kan argamu Imbaasii UKtti akka gaggeeffame dhagahamee jira.
Bakka bu’ootni Adda Bilisummaa Oromoo, Kongirasii Federaalawaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen, Paartii Ummata Affaar, Hibir Itoophiyaa fi Areenaa Tigraay walgahicharratti argamanii jiru.
Kana malees, gaafatamtoonni dhimma siyaasaa: Awustiraaliyaa, Siwiidin, Deenmaark, Kanaadaa, Siwiizarlaand, Jarmanii, Niiwziilaand, Biriteeni fi Gamtaa Awrooppaa akkasumallee gorsaan bulchiinsaa Imbaasii Biriteen Finfinnee jiruu argamuu odeessi nu dhaqqabe ifa godha.
Walgahii kanarratti adeemsa marii siyaasaa biyyattii keessatti mootummaadhaan gaggeeffamaa jiruu fi mariin biyyaalessaa milkoominaan akka adeemsifamu ulaagaa kam guutachuu akka qabu, waliigalatti biyyattii rakkoolee fuula hedduu keessaa baasuuf tarkaanfii fudhatamuu qabu irratti ejjennoon Gamtaa Paartilee mormitootaa ibsamee jira.
Miseensonni Gamtaa Paartilee mormitootaa dippiloomaatota biyyoota adda addaa waliin marii gaggeessan kanarratti gaaffilee dhimmoota adda addaarratti ka’eef ejjennaa qabani fi dhiibbaa paartii aangoorra jiruun dhaabbilee mormitootaarra gahaa jiruu ragaa qabatamaan deeggaranii dhiyeessanii jiru.
Mootummaan sochii siyaasaa karaa nagaatiin taasifamuuf ulaa banuu dhiisee akkuma ammaa humna waraanaan cunqursaa itti fufnaan biyyattiinis tahee ummatootni gara hegeree yaaddessaatti akka deeman kan hubachiise gamtaan kun, balaa biyyattiirra dabree Godinaa Gaanfa Afrikaallee gaaga’ama caaluuf afeeru kana hanqisuuf biyyoonni fi qaamonni idil addunyaa akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qooda irraa eegamu akka bahatanis dhaamameera.
Maayiirratti, hirmaattonni walgahii Imbaasii UK Finfinnee adeemsifamee walgahichatti gammaduu ibsanii, fuuldurattis fakkaataa Gamtaa Paartilee Mormitootaa kana waliin akka qabaatan hubachiisan. Kana malees, fuul-duratti imbasootni biroo walgahii akkasii akka qopheessan kan eeran yoo tahu, Neezarlaandi Hagayya 5, 2022tti Gamtaa kana haasofsiisuuf baallama qabachuu odeessi bahe ifa godha.