Koree Qindeessituu Mootummaa ce’umsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa har’a mana Murtiitti Walii gala Oromiyaa Calcalitti dhihaatan.
(SQ-Adoolessa 19,2022)
Galmee Qaasim Abdullaahi jalatti kan himatamanii jiran Miseensonni Koree Qindeessituu Mootummaa Ce’umsa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa fi Gaazexeessitoonni ONN lama har’a mana Murtii waliigala Oromiyaa Calcalitti argamutti dhihaataniiru.
Haa ta’u malee Abbaan alangaa ajaja manni murtii deebii barreeffamaa Adoolessa 5 ykn 7 bara 2014 ALHtti barreeffamaan akka dhiheessu ajajee guyyaa jedhame sanatti osoo hin dhiheessin waan hafeef har’a deebisa barreeffamaan waan dhiheesseef , Manni murtii galmee kana qoratee ilaaluuf baallama biro Kamisaa Adoolessa 21/2022 14/11/2014 ALHtti beellameera.
Yeroo adda addaatti himatamtoonni kunneen Abbaan seeraa qaama hundaaf amanamummaan tajaajiluuf waadaa heeraa fi seeraaf seene cinaatti dhiisee loogii waan uumaa jiruuf mirga heeraan qabanitti fayyedamuun akka abbaan seeraa jijjiiramuuf gaafatanii kan turan yoo ta’u . Abbaan seera yeroo amma dhimma isaanii hordofaa jiru Sababa addaa addaa uumee adeemsa seeraan waan silaa namooti kunneen argachuu qaban kan akka mirga wabii ugguruun alatti adeemsi seeraa akka lafa irra harkifatu ta’e jedhee taasisaa jiraa jechuun jaallan kunneen komii isaanii irra deddeebiin dhaggeessifataa jiru.