Harargee Bahaatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa jumlaan hidha jiraachun dhagaa’ame.

Harargee Bahaatti Waraanni Bilxiginnaa namoota nagaa jumlaan hidha jiraachun dhagaa’ame.

(SQ-Adoolessa 19,2022)

waraanni faashistii Bilxiginnaa, Uumata nagaa dararaa jiraachuu guyyaarraa gara guyyaatti gabaasaa kan jirrudha.

Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaa Aanaa Dirree Xiyyaaraa keessatti dararaan uummatarra ga’a jiru jabaatee itti fufuu maddeen SQtti himan, akka maddeen jedhanitti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun uummata nagaa 11 jumlaan hidhan jedhu.

Namoonni badii tokko malee waraana faashistii Bilxiginnaatiin hidhaman kunneen

Abdii Idiriis Sa’iidoo
Mohaammad Idiriis Sa’iidoo
Daawud Xaahir Alii
Ahimad Usmaan Yusuuf
Arjuun Daawud Xaahir
Hamiid Mohaammad Yusuuf
Ramadaan Toofiq Alii
Fattaa Ahimad Alii
Dinnii Aliyyii Xaahir
Alwaan Bakar Muhaammad fi
Mohaammad Abiraahim Aammaa
Kanneen jedhaman yoo ta’an ammallee ittuma fufuudhaan doorsifni akka malee uummata irratti geggeeffamaa jiraachuus himu.

Akka maddeen jedhanitti namoonni Adda durummaadhaan qaama diinaa ta’anii uummata hiraarsaa jiran,
Shariif Bakar Abiraahim Abbaa Gandaa kan ta’eefi Sheek Usmaan Durii abbaa Amantaa kan ta’e yoo ta’u, basaastonni isaan itti dhimma bahaa jiran ammoo
Ariif Mohaammad Abdullaahi
Abdulqaadir Aadam Abiraahim
Abdii Imaar Abdulrahiim fi
Jamaal Mohaammad Yusuuf, dha jechuun uummanni rakkoo keessa jirachuu nuuf himan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *