Uummatni keenya Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota Garaagaraa irraa Buqqa’an ammallee gargaarsa hatattamaa barbaadu.
(SQ-Fulbaana 30,2022)
Ummatni keenya Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Onoota akka Amuruu,Jaardegaa Jaartee fi Horroo Bulluq irraa humnoota finxaaleyyii Amaaraa Faannoo fi hidhattoota mootummaa gamtaan isa weeraraniin qe’ee fi qabeenya isaa irraa kumootaan buqqisamee dirree irratti faca’ee jiru ammallee gargaarsa ummata Oromoo bal’aa barbaadu.
Kanneen carraa argatanii du’a irraa hafuun magaalaa Shaambuu Kampasii Yunversitii Wallaggaa Damee Shaambuu maadheffatanii jiran dandamachiisuuf hawaasnii fi waldaaleen amantaa hanga tokko dirmatnaa godhaafii akka jiran mul’ateera.
Waldaan Warra Wangeelaa Makaana Yesuus Shaambuu hanga dandeettii isaanii ummata kanaaf gargaarsa gochaa akka jiranis maddi keenya achii SQtti himeera.
Abbootiin qabeenyaa Oromoo, dhaabbattootni garagaraa, dhaabbattootni amantii, waliigalatti ammoo ummatni Oromoo qaama isaa sababa weerara alagaan osoo qabuu agabee fi harka namaa ilaaluuf dirqame kana karaa danda’een itti dirmatuu qabaan ammallee dhaamsa keenya itti fufiinsaan dabarsinuu dha.