kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu cimsee itti fufe.
(SQ-Fulbaana 30,2022)
Mootummaan faashistii Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee Oromummaa isaaniin yakkuun hidhaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.
Haaluma kanaan Mootummaan Bilxiginnaa Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Daaboo fi gandoota garaa garaa keessatti ilmaan Oromoo badii tokko malee hidhaa fi ajjeesaa jiraachuu jiraattonni naannicha SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Aanicha keessatti kaadiroonni sirna bilxiginnaa uummata Oromoo irratti hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa raawwaachiisaa jiran kanneen maqaan isaanii
Geetachoo Guddinaa,
Nigaatuu Oljirraa,
Addisuu Yooseef,
Lammaa Guddataa,
Girmaa Kaasahuun
kanneen jedhaman ta’uu himuun, jarreen kunneen bara EPRDF,if dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasisaa turan jechuun dubbatu.
Haaluma Wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godina Harargee Bahaa aanaa Gooroo Guutuu keessatti Daldaltoota Jimaa, Abbootii Dukkaanaa ykn Suuqii, qonnaan bultoota siyaasa kamiyyuu keessaa hin qabne maqaa gargaarsa raayyaa ittisa biyyaa jedhuun hidhaatti guuraa jiraachuu maddeen SQ nuuf himan.
Kana malees waraanni Bilxiginnaa kun, Ilmaan Oromoo Gandoota baadiyyaa irraa doqdoqqeedhaan namoota gara aanaa Gooroo Guutuutti geessuun of jiraachisan, guyyoota kudhaniif akka hin deemne dhorkuudhaan, namoota waan nyaatan dhabanii deeman ammoo doqdoqqee isaafi isallee walumaan hidhaa jiraachuu Odeeffanneerra.
Oduuma wal fakkaatuun mootummaan Bilxiginnaa Godina Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum ganda lakkoofsa 6 fi waajjira poolisii aanichaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun namoota nagaa hedduu hidhuun hiraarsaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
Namoota badii tokko malee mootummaa Faashistii Bilxiginnaatiin hidhamuun gidirfamaa jiran keessaa kan ammaaf maqaan isaanii nuqaqqabe.
Faadii Nawaal
Kaalid Mahaammad
Abbaasoo Jamaal
Kamaalee Muummee fi Najaashoo Abdii
yoo ta’an kana malees Aanichumatti meeshaa waraanaatu mana keessan jira jedhamuun warreen hidhaman ammoo,
Sulxaan Mohaammed
Kadiir Mahaammad Usoo, Abdusalam Mahaammad
kadir Mahaammad,
Jafaar Mahaammad Abdurhamaan
Gaaddisaa Amiin
Nuuraddiin Naasir,
Ibsa Hasadee fi Hakiime Ahimed ta’uu odeeffanneerra.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti namoonni mootummaa Bilxiginnaatiin hidhamuun gidiraa argaa jiran kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabnee fi hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qaban yoo ta’an badii qabaatanii osoo hin taane sababa Oromoo ta’an qofaaf hidhamaan jechuun dubbatu.