MN Gambeellaa humna hidhatee naannicha socho’u waliin araaraaf mariitti jiraachuu ibse

DB* Ebla 3/2023

Mootummaan Naannoo Gambeellaa Adda Bilisummaa Gambeellaa waliin marii araaraa taasisaa jiraachuu ibse.

Mootummaan Naannoo Gambeellaafi Addi Bilisummaa Gambeellaa marii araaraa waliin taasisaa jiraachuu aangawoonni naannichaa beeksisaniiru. Mariin araaraa kunis Kibba Sudaan magaalaa Juubaa fi Finfinneetti ammaan dura yeroo lama taasifamuun ibsameera.
Addi Bilisummaa Gambeellaa naannicha keessatti qabsoo hidhannoo geggeessaa kan jiru yommuu ta’u, dhaabichi hogganoota mootummaa naannichaa duraaniitiin kan hogganamudha. Humni kun xiyyeeffannoo kan argateefi dhageettii kan argate baatii Waxabajji darbe tarkaanfii magaalaa Gambeellaa keessatti qindoomina WBO waliin fudhatameeni.
Akka Ethiopia Insider gabaasetti, mariin araaraa kun mootummaa naannichaa waliin taasisafamaa kan jiru ‘gaaffii Addi Bilisummaa Gambeellaa dhiyeesseen’ akka ta’edha. “Karaa imbaasii Itoophiyaa Juubaa jiruutiif gaaffiin araaraa kun dhiyaatee aangawootni naannichaa olaanoofi hogganootni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bakka argamanitti mariin geggeeffameera”
Marii Juubaatti geggeeffame kana irratti itti aanaan perezedaantii naannichaa obbo Teenkuweey Jook, akkasumas itti aanaan biiroo bulchiinsaafi nageenyaa naannichaa obbo Utoow Ukoot argamaniiru.
Marii araaraa geggeeffame kanaan Addi Bilidummaa Gambeellaa nagaadhaan [gara biyyaatti akka galan] waliigalteerra ga’uun isaanii ibsameera.

“Mariin kun koree mootummaa Federaalaatiin qindaa’een kan geggeeffamaa jirudha” jedhameera. Marii Finfinneetti geggeeffameen bakka bu’oonni Adda Bilisummaa Gambeellaa komishinii poolisii naannichaatti akka ramadaman gaaffii dhiyeessanii gama mootummaatiin, “mootummaan ilaalee bakka barbaachisutti ramada” jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *