Itiyoophiyaatti deeggarsi Hatattamaa akka barbaachisu Mootummaa Gamtoomanii akeeke

Deeggarsi namoomaa saffisaan Itoophiyaa keessatti akka barbaachisu Dhaabbanni Mootummoota Gamtomani ibse.

(SQ-Ebla 4,2023)

Dubbi himaan barreessaa olaanaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Isteefaan Dujaarik “Itoophiyaa keessatti deebiin gargaarsa namoomaa ariifachiisaan ni barbaachisaa” jedhan.

Tigraay keessatti bara kana ummanni miiliyoona 4.7 ol deeggarsa nyaataa argatani jiru kan jedhan Isteefaan Dujaarik, bulchiinsa naannoo Affaarii fi Amaaraatti walakkeessa baatii Sadaasa bara darbee irraa eegalee namoonni miiliyoona 2.5 ol deeggarsa nyaataa argataniiru jedhan.

Kibbaa fi Baha Itoophiyaatti mootummaa waliin ta’uun deebii gargaarsa kennuu guddisaa kan jiran ta’uu ibsani, namoonni naannoo gogiinsaan miidhaman gara miliyoona 11 ta’an deeggarsa nyaataa hatattamaan barbaadu jedhan.

Balaan lolaa bishaanis miidhaa dhaqqabsiisaa jiraachuu qondaalli dhaabbata mootummoota gamtoomanii kun ibsee jira.

Gama biraatiin weerarri dhukkuuba koleeraa Oromiyaa fi naannoo Somaalee hanga tokko keessatti babal’achaa kan jiru yoo ta’u, namoonni 2,300 ol dhibee kanaan kan qabaman ta’u, fi kunis baatii Amajjii keessa namoota dhibichaan qabaman sana dachaa lama ta’u ibsan.

Namoonni 51 ammoo weerara kanaan lubbuu dhabani jiru kan jedhe Isteefaan Dujaarik, weerara kana ittisuuf maallaqni akkaan barbaachisaa ta’u ibsanii kan gaafanne doolaara Biliyoona 4 keessaa doolaara Miliyoona 700 fi Miliyoona 27 qofa arganne jedhan.

Rakkoo namoomaa garaagaraa Itoophiyaa keessa jiru qolachuuf Deeggarsi namoomaa qaamolee hundaan taasifamuu akka qabu Isteefaan Dujaarik ibsani jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *