Gareen Faannoo qindeessuun Finfinnee tohachuuf yaalii gochaa ture tohatama.

Gareen hoggantoota olaanoorratti haleellaa raawwachuun hokkora uumuuf socho’aa ture to’atame

Ebla 4/2023

Gareen Magaalaa Finfinnee,Adaamaa, Bahaar Daarii fi Dirree Dawwaatti hoggantoota olaanoorratti haleellaa raawwachuun hokkora uumuuf socho’aa ture to’atamuu Humni Waloo Nageenyaa beeksise.

Gareen Hayyoota, Abbootii miidiyaalee fi rogeeyyii of keessatti hammate Finfinnee,Naannoo Amaaraa fi Naannolee biroo mandheeffachuun hoggantoota olaanoorratti haleellaa raawwachuun hokkora kaasuuf socho’aa ture to’atamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif ergeen himeera.

Namoonni dhuunfaan Dooktar Wandawasan Asaffaa, Gargaaraan Pireefeesaraa Siisaay Awugichaaw, Piroofeesar Maa’araguu Biyaabayin, Dooktar Masarat, Warquu Tasfaayee Waldamaariyaam,Yewaalaasheet Faasiil, Salamoon Limanihi Katamaa fi Manbaree jedhaman garee kanneen qindeessaa fi gurmeessaa osoo jiranuu to’atamuu ibseera.

Ummata Amaaraa jijjiirama argame itti fufsiisuuf afuura itti gaafatamummaa qabuun socho’aa jiru finxaaleyyiin bakka hin buune hawaasni Amaaraa dhiibbaa hamaa keessa jira jechuun hawaasicha hokkoraaf kakaasaa jiraachuu himeera.

Finxaaleeyyiin kunneen amantaa, sabaa fi nuun ala qaamni kaan biyya bulchuu hin qabu siyaasa jedhuun deeggartoota horachuuf tattaaffii taasiisaa jiraachuu Humni Walichaa eereera.

Kaayyoo isaanii milkeessuuf naannoo Amaaraa, magaalaa Finfinnee fi Yuunivarsiitiiwwan biyyattii hunda keessatti caasaa isaanii diriirfachuun socho’aa turuu isaanii ibsichi kaaseera.

Meeshaalee waraanaan deeggaramuu waraana gurmaa’een haleellaa raawwachuuf, keessatti hoggantoota mootummaa sadarkaan jiranirratti xiyeeffachuun ergama isaanii raawwachuuf socho’aa turuu himeera.

Meeshaaleen waraanaa nama dhuunfaa hanga meeshaalee jajjaboo gara Magaalaa Finfinnee galchuun isaanii eereera.

Namni naannawaa Magaalaa Bahaardaar mandheeffachuun meeshaalee waraanaa fi loojistikoota addaa addaa garee isaa Finfinneetti argamaniif dhiyeessuuf ergama fudhatee socho’aa ture hordoffii taasiifameen to’atamuu Humni Waloo Nageenyaa fi Tikaa ibsa isaan himeera.

Dabalataan miseensonni isaanii naannawaa Laga Xaafootti argaman garichi qindeessaa kan tuarn Daawit Abbaabuu Bitawii fi jiraataa magaalaa Finfinnee naannawaa Karra Alloo kan ta’e Taaddasaa Wayinaaw Tasammaa hordoffii taasiifameen meeshaalee waraanaa garaagaraa waliin to’atamuu isaanii eereera.

Akkasumas gurmaa’iinsa isaanii jala kan turan Muluuqan Wandee Bitaw,Teewoodiroos Tashoomaa fi kanneen biroo to’atamuu isaanii ibseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *