Waraanni Bilxiginnaa Arsiitti maanguddoo gannaa 85 dabalatee namoota hedduu mana hidha keessa baase ajjeesuun dhaga’ame.
(SQ-Adoolessa 20,2022)
Maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhuufi ijoollee keessantu bosona jira jedhuun uummata nagaa hiraarsaa kan jiru mootummaan Bilxiginnaa, tibba darbe Godina Arsii Bahaa fi Arsii Lixaatti namoota hedduu jumlaan hidhu gabaasuun keenya kan yaadatamudha.
Haaluma kanaan Maanguddoo ganna 85 kan ta’an Obbo Baatii Odee namoota jumlaan hidhamanii turan keessaa Godina Arsii lixaa aanaa Shaallaatti hidhamanii kan turan yoo ta’an, guyyaa dheengaddaa jechuun Adoolessa 18/2022 Waraanni Bilxiginnaa Mana hidhaa irraa baasuun Aanaa Shaashamannee ganda Faajjii Soolee bakka laga Meexxii jedhamutti ajjeesanii gatuu maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya jedhanitti Waraanni Bilxiginnaa reeffi maanguddoo kana haga oduu kana qindeessinetti akka hin kaafamne dhorkee jiraachuu dubbatu.
Haaluma wal fakkaatuun Waraanni faashistii Bilxiginnaa Godinuma Arsii lixaa aanaa Shaallaa keessatti Dargaggoo Gayyoo Gabbitaa jedhamuu Mana hidhaa irraa baasuun yoo ajjeesu, maatiin reeffa mucaa isaanii akka hin awwaallanne dhorkuun reeffi guyyaa torba erga ala buleen booda Waraabessi nyaate jedhu maddeen.
Ittuma fufuun Namni maqaan isaa Nageessoo Roobee jedhamus Mana hidhaa irraa baafamuun haga oduu kana qindeessinetti achi buuteen dhabamee jiraachuu odeeffanneerra.
Oduuma wal fakkaatuun, Godina Arsii Bahaa aanaa Digaluu Xijjootti reeffi namoota hin beekamnee guyyaadha gara guyyaatti Bosonaa keessaa argamaa jiraachuu maddeen keenya nuuf himuun, waraanni Bilxiginnaa namoota hedduu ammoo Mana hidha irraa baasuun erga ajjeeseen booda maallaqaan dhoksaatti awwaalchisaa jiraachuu nuuf himaniiru.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti namoonni ajjeefaman kunneen namoota siyaasa keessaa qooda hin qabne yoo ta’an jalqabumayyuu badii tokko malee hidhanii turuun nu mufachiiseera jechuun, wayita ammaa ammoo inumaayyuu ajjeesanii reeffa dhowwachuun duulli duguuggaa sanyii nurratti raawwachaa jiraachuu agarsiisa jedhu.