Bakka bu’aan PP dhimma Hogganootaa fi Qondaalota ABO Buraayyuu hidhaa jiranii hagas mara quba hin qabu jedhe; kunis Boordii Filannoo irraa gaaffii itti kaasuu maddeen achi irraa gabaasan.
(SQ-Bitootessa 29,2022)
Akkuma durana gabaasnetti, guyyaa har’aa Bitootessa 29,2022 Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa Komee Paartileen siyaasaa dhiyeeffataa turan irrattti Koree waloo Hundeessuun waan koree kanaan hojjechaa turee fi irra gahe Ibsa kan kenne yoo ta’u, gabaasa kana keessaa tokko dhimma Hoggantootaa fi qondaalota ABO Buraayyuu hidhaa jiranii ti.
Dhimma Hoggantootaa fi Qondaalota ABO Buraayyuu hidhaa jiraniin walqabatee bakka bu’aa paartii PP fi Boordii Filannoo gidduutti walfalmiin akka dhalate dhaga’ameera.
Bakka bu’aan PP walgahii kana irratti argame dhimma hoggantootaa fi qondaalota ABO Buraayyuutti hidhaa jiranii waa’ee isaanii hagas mara ani quba hin qabu jechuun isaa hunda kan raajee fi boordichas kan gaaffii itti bulchee dha jedhameera.
Akka odeessa arganneetti yo ta’e Boordiin Filannoo “Kan biyya bulchaa jiru isin erga ta’ee akkamitti dhimma hidhamtootaa irratti odeessa gadi fagoo hin qabdan?” jechuun gaaffii oggaa itti dhiheessu kan deebisu dhabuu irraa nama kolfaa ta’uu dha kan ibsame.
Akka gabaasa Koree Waloo Boordiin Filannoo hundeesse kanaatti, hojii haga ammaa hojjeteen Hoggantootnii fi Qondaalotni ABO 52 manneen hidhaa adda addaa keessa jiran.
Koreen kun Hoggantootaa fi Miseensota paartilee siyaasaa biyya kana keessa jiran hidhaatti argaman daawwachuu kan itti fufu ta’uu ibsuus oduun arganne ni hubachiisa.