Finfinneetti gatiin Simmintoo kuntaala tokkoo kuma ol ta’ee!
(SQ-Bitootessa 29,2022)
Daballii olaanaan gatii Simmintoo irratti mudate hojii dhaabuuf isaan dirqamsiisaa jiraachuu Kontiraakteroonnii fi hojjettoonnii hojii ijaarsaa himan.
Simmintoon kuntaalli tokko kan Warshaalee biyyattiitii birrii 450 gadiin oomishamee bahu, gabaa irrtti birrii 1000 oliin gurguramaa jiraachuutu himama.
Yeroo torban tokko hin caalle keessatti Simmintoo kuntaala tokko irratti daballiin gatii birrii 300 olii mul’achuu kan ibsan Kontiraakteroonnii fi hojjettoonni hojii ijaarsaa Addis Zemen dubbise, sanuu dallaalotarraa yoo tahe malee gabaarraa argannee bitachuuf hin dandeenye jedhu. Sababa kanaan hojiin ijaarsaa harkifachuufi baasii hin malleef saaxilamaa jiraachuus ibsan.
Bu’uurri rakkoo kanaa gam tokkoon daldalli Simmintoo dallaalota seeraan alaan dhuunfatamee jiraachuu, gama biroon oomishtni warshaalee biyyattii sababoota garaagaraan gadi bu’aa dhufuun sababa jedhameera.
Daldalli Simmintoo Networkii faayidaa qaamoleen aangoorra jiran ijaarrataniin dhuunfatamee jiraachuun yeroo garaagaraatti ibsamaa tureera. Isaan daldala simmintoo dhuunfatan kunniin daballii seeraan alaa gatii simmintoo irratti taasisaniin jiruun uummataa danqameera.
Gama biroon, Rakkoon nageenyaa bakka bakkatti mudatee jiru dhiheessii oomisha simmintoof oolan danquu fi Dhakaa cilee alaa galchuuf hanqinni sharafa alaa danqaa ta’uun warshaaleen simmintoo humna isaanii guutuun akka hin oomishneef sababa ta’eera jedha barruun kun.
Qaala’iinsi jireenyaa akka waliigalaatti biyyatti raasaa jiru, sadarkaa to’achuuf ulfaatutti cehuun, guyyaadhaa gara guyyaatti yaaddoo uummata biyyattii ta’ee itti fufeera.
Oduuma wal fakkaatun Magaalaan Finfinnee magaalota Afrikaa qaala’iinsi jireenyaa itti hammate 15 keessaa tokkoffaa irra jiraachuu Gaazexaan Bizines Afrikaa jedhamu gabaase.
Gaazexaan kun akka jedhetti Finfinneen qaala’insa jireenyaan magaalota Afrikaan wal cina qabamtee yoo ilaalamtu qalaa’iinsa jireenya dhibbeentaa 58.92 galmeessuun 1ffaa irra taa’uu dandeesseetti jedha. Dabaluun Gazexaan kun Finfinneetti qalaa’insi gatii meeshalee illee akkaan dabaluu gabaaseera.
Magaalonni Afrikaa Abiijaan dhibbeentaa 55.73 fi Harareen ammoo 52.33′ n qaala’iinsa jireenyaa galmeessuun sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabatanii jiraachuu Gazeexaan Bizines Afrikaa gabaaseera.