‘Itoophiyaatti hongeen horii mil. 1.5 fixe, uummata kuma 170 qe’eerraa buqqise’ jedhe UN!
SQ-Bitootessa 9/2022!
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii ibsa baaseen Itoophiyaa keessatti hongeen naannolee Oromiyaa fi Somaalee keessatti mudate horii miiliyoona 1.5 fixee, uummata kuma 175 ol qe’eerraa buqqiseera jedhe.
Dubbii himaan barreessaa olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Isteefen Dujaariik ibsa dhimmoota ijoo idila addunyaarratti kennan irratti Gaanfa Afrikaatti hongeen hamaan barkurneewwaniif mul’atee hin beekne Itoophiyaa fi Somaaliyaa keessatti miidhaa guddaa geessisaa akka jiru dubbatan.
”Michootni keenya deeggarsa namoomaa dhiyeessan Itoophiyaa keessatti namootni 175,000 ta’an sababa hongee qe’ee isaaniirraa buqqa’uufi horiin miiliyoona 1.5 tilmaamamu hanqina bishaanii fi soorataan dhumuu nuu himaniiru.”
Hanga ammaatti soorata daa’imman bayyanachiisu dabalatee namoota naannoo hongeen miidhe jiraatan miiliyoona 2.7 ta’aniif deeggarsa toonii 120 fi qoricha dhiyeessuu Isteefan Dujaariik himaniiru.
Deeggarsi uummata hongeen miidhaman kana bayyanachiisu argamaa jiraatus hanga barbaadamuun gadi waan ta’eef atattamaan deeggarsi maallaqaa akka isa barbaachisu aanga’aan UN kun ibsaniiru.
Hongeen hamaan amma mudate isa ALI bara 1977 Itoophiyaa mudateen ol ta’uu dhaabbileen gargaarsaa isa himan aanga’aan naannolee balaa kanaa miidhaman keessaa tokko ta’ee naannoo Somaalee hongeen hamaan jiraatus gabaasni kun gurra guddifameera jedhanii ture.
Biyya Ollaa Itoophiyaa Somaaliyaattis hongeen akkaan hammaate namoota miiliyoona 4.5 ta’an miidhuu Dujaariik himaniiru. Somaaliyaatti dhiira, dubartiifi daa’imman 670,000 ta’an sababa hongeen qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.
Naannolee balaa kanaan miidhaman keessatti gatiin bishaanii dhibbeentaa 72’n qaalayeera. Hongeen ku ammallee itti fufuu isaatiin daa’imman miiliyoona 1.4 ta’an hanqina nyaata mdaalawaaf saaxilamaniiru.
UN balaa hongeen kun fidu irraa uummata bayyanachiisuuf Somaaliyaa keessatti qofa doolaara biiliyoona 1.5 kan barbaadu ta’us hanga ammaa argachuu kan danda’e dhibbeentaa 3.3 qofadha. Kan deeggarsi barbaachisuun ammoo uummata miilyoona 5.5.
Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez tibba kana bilbilaan MM Itoophiyaa waliin mariyachuu dhaabbatichi ibsee kan ture ta’us odeeffannoon hedduun waayee marii kanaa hin baane.
Gaazexessitootni odeeffannoo dabalataa dubbii himaan Gutaareez yoo qabaatan gaafataniis Dujaariik ammatti odeeffanoodhuma ibsamee turetu himamuu danda’a yeroo odeeffannoo bala’aa kennuun barbaachisutti ni kennamaa jedhan.
Gama mootummaa Itoophiyaatiinis odeeffannoo dabalataan hin baane.
”Ministirri Muummee fi Barreessaa Olaanaan UN naannolee waraanaan miidhamaniif ulaa deeggarsaa banuufi marii siyaasaa gaggeessuurratti mariyatani” qofa jedha ibsi UN baase.
Gabaasi kan BBC Afaan Oromooti!