Mootummaan araaraaf qophii tahuu isaa nutti argisiisuuf hidhamtoota siyaasaa hidhaa jiran haalduree tokko malee hiikuu qaba jedhan Hoggantootni WBO.

Mootummaan araaraaf qophii tahuu isaa nutti argisiisuuf hidhamtoota siyaasaa hidhaa jiran haalduree tokko malee hiikuu qaba jedhan Hoggantootni WBO.

Marii Araaraa tibbana hoggantoota Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itiyoophiyaa giddu tti biyya Taanzaaniyaatti gaggeeffamuu eegale irratti hoggantootni Waraana Bilisummaa Oromoo haalduree calqabaa marii tti seenuun dura mootummaan hoggantoota Siyaasaa ABO dabalatee hidhamtoota siyaasaa mana hidhaa jiran hiikee waajjiraalee dhaabota Siyaasaa cufamanii jiran akka banatan taasisuun fedhii araaraaf qabu argisiisuu qaba jechuun gaaffiin calqabaa hoggantoota WBO irraa mootummaa bakka bu’anii warreen araara sana irratti argamaniif dhiyyaatee jira.

Akka maddeen SQ bakka sana irraa nuuf gabaasanitti haalduree WBOn gaafateef bakka buutotni mootummaa deebii gahaa dhabuu irraa kan ka’e Mariin araaraaf eegalame hanga ammaatti hin jiru jechuun nuuf himan.

Hoggantootni WBO akka jedhanitti mootummaan araaraaf balbala
Isaa kan banu yoo tahe walii galtee dhukaasa dhaabuu dura hidhamtoota siyaasaa badii malee hidhamanii jiran hiikee araarichi barbaachisaa tahuu isaa fedhii isaa mul’isuu qaba jechuun gaafatanii jiru.

Marii araara WBO fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti gaggeeffamaa jiruuf mootummaa Itiyoophiyaa bakka bu’anii kan hirmaataa jiran Jeneral Geetachoo Guddinaa, Mejer Jeneral Damisee Alamuu, Boonsaa Unetuu fi itti Aanaa peresedaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu tahuus maddeen keenya nuuf himaniiru.

Maricha abbummaan kan hogganaa jiran immoo USA,Norway,Keeniyaa, IGAD fi biyyootni biroos akka jiran beekuun dandahameera.

Marii Araaraa WBO fi mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti gaggeeffama jedhamee Taanzaniyaatti wal arganii jiran irratti hanga ammaatti Mariin ifatti gaggeeffame jiraachuu baatus haalduree Hoggantootni WBO gaafatan Hoggantootni ABO hidhaa jiran dabalatee hidhamtoota siyaasaa hidhaa jiran hiikamanii mootummaan fedhii araaraaf qabu mul’isuu qaba kan jedhu tahuu maddi keenya nuuf himaniiru.

https://t.me/hordofaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *