Murni PP Godina Horroo Guduruu keessatti saamichaa fi hidhaan sabboontota irraan gahaa jira.

Hiraarsaa Uummata Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti murna ppn haalaan hammaate.

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Onaalee hunda keessatti murni aangoo isaa qofa dheereffachuu ummata dararuuf xiyyeeffate uummata hiraarsuu cinaattiย  saamicha cimsee raawwachaa jira.

Akka kanaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Guduruu Ganda Biqiltuu Fayyinee jedhamutti mudde 27,2024 hidhata WBO waliin qabdu jechuun qabeenyaa ummataa Humni waraanaa Abbaa Irree saamicha raawwataniiru .

Namoota qabeenyi isaanii saamame keessaa muraasni kan gabaasni nu qaqqabe:

1. Mirkanaa Tamasgeen jalaa re’oota 3

2. Gaaddisee Tolasaa jalaa qarshii 2000

3. Ofiisaa Badhร asaa jalaa qarshii 4,000 fi bilbila harkaa qarshii 10,000 tti tilmaamamu

4. Cimdii Hojjetaa jalaa loon 6 fi ro’oota 8

Ona Amuruu Ganda Siiddan Amajji 2,2025 ijoollee keessantu WBO keessa jira jechuun kan saamaman immoo:

1. Kabbadaa Soorii

2. Tafarraa Baabaa

3. Dhaabaa Raggaasaa

4. Zallaqaa Lamuu

5. Duulaa Xarraqaa kan jedhaman jalaa walumaa galaatti loon 57 ooffatanii deeman gaarii ammoo achumatti qalatanii nyaatanii deemanii jiru.

Onuma Amuruutti ergamtootni PP Bulchaan Onichaa Dhinsaa Dhugumaan durfamu manguddoo ganna 75 dabalatee namoota 17 kanaan dura ijoollee keessantu WBO itti makame jedhanii ji’a 7 ol hidhanii kan baasan ammas itti dabaluun ijoollee galchuu diddan jedhanii namoota baay’ee Hidhaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Akkasumas Godinuma kana Ona Jimmaa Gannatii Ganda hunda keessatti tiksitootni sirna Abbaa Irree PP qotee bultoota silaa yeroo kana oomisha funaannachuu qaban humnaan ukkaamsuun humnaan ooyiruu keessaa nama hunda manguddoota ganna 80 fi isaa olii dabalatee qabuun leenjii milishaa jechuun rakkisaa jirti

Dabalataanis duula WBO jechuun godina kana Onaalee hunda keessatti hojjettoota, qotee bultoota baasuun saamicha cimaa gaggeessaa jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *